Telegram Web
Utuma Aduun dhiitee
Lafti dimimmisee
Sitti galuu bitaa....
Dukkanicha dhiiftee
Onnee ifti guuteen
Bashaatee kolfita... ๐Ÿคฃ

Jireenyi guutuu diddus
Fuuldurakee laalaatii
Amantiin jiraattaa...... .
Mataa gadi qabdee
Barattii dabarsuuf
waan argatte nyaattaa

Duumessi rakkinaa
Sagal guguungumee
Sitti fidus naasuu....
Nama abjuu qabuu
Qilleensi hamaanuu
Iddoodhaa hin raasu
Haalotaa sururrii
Sagalee jeequmsaa
Mumullatan caala..
Rakkoo keessa taa'ee
Jireenyasaa borii
Mul'ataan ilaalaa... ๐Ÿ™

Abjuu isaa dhugoomsuuf
Mogoleedhaa laafee
Sagal kufee ka'aa...
Otuma Sussukuu
Adeemaa tirachaa
Boru nama ta'aa...... . !

โœ Chala Beyisa
Qulqullinni barnootaa โ€˜Girrigirriiโ€™ qormaata gidduu wayii kennamuun kan dhufu miti!

Prof. Mararaa Guddinaa....
Forwarded from Walaloon Jaalala
Eessaan Dhufta?

Walaloo bareedaa qabiyyee jaalalaa qabu kana daawwadhaa. Achumaan fuula TikTok keenya follow godhaa!
๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ”ฅ
https://vm.tiktok.com/ZM2WBdC5S/
Jaalalli dawwaadha
Boqochiisaa lubbuu...
Jaalalli Qorichaam
Kan balleessu cubbuu...
Miira nagaa qabuun
Gammachuu abuuraa
Boqonnaa argachaa
Baafatta hafuura.....
Rakkoon jiraatuyyuu
Gadadooniif madaa...
Rakkookee dagattaam
Ofitti gammadaa.......
Dadhabaa jabeessa
Tokkummaan wal qabee
Madaa namaa suphaa
laphee isa cabee..... ..
Sirreessee si oofa
Ol qabee gophaakee
Jaalala keessatti.....
Dagattaam kophaakee

โœ Chala Beyisa
Forwarded from Walaloon Jaalala via @Kaachuuyebot
Ergaawwan Jaalalaa mimmiidhagoo onnee namaatti hoo'isan, Seedaa naannessanii kanneen fuldura namaa naqan, Hawwii qor-qalbii bocanii kan namatti argisiisan fuula @ErgaaJaalalaa irraa unadhaa!

Jaalala. Ammas Jaalala

Ergaawwan Jaalalaa nama affeeruu yoo feetanis ni dandeessu. Nooraa!
Jaalallii Abaaboodha
Halaalarraa si harkisaa
Foolii jiruu siif urgeessa
Eessa jiraa mee akkisaa?
Bifa ta'ee siif miidhagee
Jireenyakee siif bareechaa
Akka dhabaa dhiphinakee
Toora galchee siif qajeelchaa
Yoo jiraattee achi keessa...
Qulqulluudha akka cabbii...
Jaalallimee gammachuudha
Dhamdhamadhu dhugaa rabbii...

BY chala
Gaafa tuffii Gaafa kooraa....
Gaafa rakkoo Gaafa jooraa....
Gaafa keesikee si dhaabatu
Gaafa waan sagal si gaafatu
Gaafa dhoqqee gaaf corrobaa
Gaafa laaxxee gaafa qobaa....
Guyyaa rakkoo guyyaa badaa
Gaaf kulkulaa gaafa madaa....
Bifa dhabaa kachabbaa'aa
Gaafa qorraa callabbaa'aa....

Kottoonfataa akka jilbaa....
Gaafa hamminaa gaafa jibbaa
Gadi deemaa mataa goraa...
Gaafa dhoqqee bakka horaa
Gaaf jireenyi si dhiphisuu
Gaafa gamoon si dhimmisuu
Gaaf bututtuu gaafa citaa
Gaaf mirgikee ta'u bitaa.....
Gaafa jaarsi ba'ee sirbuu
Gaaf qaamnikee ofum jibbuu
Gaafa abbaan si fannisuu
Gaaf yaannikee si rakkisu....

Gaafa rakkoo gaaf corrobaa
Gaafa yaaddoo gaafa qobaa....
...
Gaaf yaaddee abdii fixxee
Gaaf dukkanaa halkan qixxee
Hiddat ka'ee si dhaabataa....
Deebii rabbii si gaafata........
...
Gaaf kees offaa akka dibbee
Mataa maree ofkoo jibbee....
Lafa hin malle bakka badaa
Gaaf si tuqan bakka madaa
Si dhuunfatu gulummaakee
Sirkaa sarbu dhugummaakee
Humna dhabdaam mataa cabaa
Imimmaankees gatii dhabaa....
........
Lafaa ka'ee mataa baataa
Dadhabbii kee ormi nyaataa
Si laaffisee jabeenyakee
Ofiif nyaata qabeenyakee...
. ...
Gaaf sururrii gaaf corrobaa....
Gaaf dhiphinaa gaafa qobaa....
Hiddat ka'ee si dhaabataa...
Deebii rabbii si gaafataa.....
......

โœ๏ธ #Chala Beyisa
ASOOSAMA GABAABAA
๐™ฒ๐™ฐ๐š๐™ธ๐™ธ
KUTAA 1FFAA.....
๐š๐šž๐š‹๐š‹๐š’๐šœ๐šŠ ๐š’๐š๐š๐š’ ๐š‹๐šž๐š‘๐šŠ๐šŠ๐š›๐šŠ ๐š‹๐šŠ๐š›๐šŠ๐š๐š‘๐šŠ!
... Cariin waan hundumatti abdii kutatteetti. wanti hundumtuu bitaa itti galeera.Akkuma allaattii halkan balaliitee as laaltee achi laaltee muka irra qubattu waan dhabdeef gara magaalaatti galuuf murteessite!
Namoota kaaniif gaafa bari'u carii biratti garuu guyyaaniif halkan garaagarummaa hin qabaatu, Dhiphinni kunis wal guuree akka isheen gara magaalaatti imaltuuf dirqamsiise!
Cariin Haadha ishee balaa umaamatin yeroo hin malleetti of biraa dhabde. balaan uumamaa kunis balaa bakakkaati. haati carii rooba keessa manaa baate hin debi'in hafte. Cittoorratti fanxoo" akkuma jedhan waa'en haadhashee osoo ishee gaddiisiisa jiruu abbaan carii waraana mootummaan booji'ame. Cariinis sababuma kanaan akka nama haadhaaf abbaa malee dhalateetti qophatti hafte. jireenyi isheetti waan hammaatef gara magaalatti galtee jiraachuuf kaate. konkoolata yabbatanii imala jalqaban Cariin konkolaata keessatti namoota lama Abbaaf ilma gidduu teesse. maqaan abbaa obboo Xaafaa dha kan ilmaasa immoo Daadhii jedhama. Abbaan Carii akkaa qabamu kan taasise Abboomadha, ollaadhuma isaanii jirataa. konkolaataan Cariin ittiin imaluuf kaate namoota guuttatee imalaa jalqabe. obboo xaafaan konkolaata kessattii Carii wajjiin haasa jalqabe... walin haasa'aa karaa deemsa itti fufan asumaanis waa'ee seena ishee carii gaafatan, yeroo kana cariin waa'ee seenashee tokkoo lama jette itti himte. garuu waa'e maati ishee itti hin himne. sabababni isaa waa'ee maatiishee gaafa yaaddu guyyaatu itti dukkanaa'a....garuu Daadhiin ilmi obboo Xaafa "maatin kee hoo essaa jiru" jedhee gaafate. Cariinis Jireenya hadhaa'aa sana yaadattee imimmaanshee dhangalaasaa, haadha ishee balaa uumaman akka of biraa dhabde itti himte. "Abbaa koo immoo....." akkuma isheen jetteen konkolaatan karaa irraa maqee garagale.....

kutaa 2ffaan itti fufa...

kan barreesse #Samuel Girma (JU)
kan gulaale chala baysisa (WKU)
Harkakoon sitti laadha
Situ na qaba jabeessee
Kaleessas lubbuunkoo
Sumaan har'a geessee....

Hin hiixadhu haalotaaf
Of hin amanu ormattii
Adda baaseen si uffadha
Sin keewwadha mormatti
Jireenyikoo goonkumayyuu
Si waliin nattin galu bitaa....
Ayyaanakeen miidhaksitee
Jiruukoo cululuksitaa.........!!!

Ergan fayyee maalan fedha
Naaf mirkaneessitem fayyina koo
Badii koo mataatti baattee
Salphatteem naaf salphina koo
........
Erga an fala dhabnaan
Wabii anaaf taatee....
Erga cubbookoo baattee
Fannootti ol baatee
Erga dhiigakee lolaaftee
Na oolfattee badiii....
Erga dhiqxee qulleesitee
Na godhattee adii....
Erga sanyii ormaa barbaaddee
Na firoomfattee alagaa....
Jireenya koof yaaddon qabu
Situ Anaaf ta'a nagaa......๐Ÿ™๐Ÿ™!!

โœ๏ธ Chala Beyisa
Forwarded from Walaloon Jaalala
Namni hundumtuu waan isa ilaallatuu fi isa irraa eeggamu dhibbantaa muraasa qofa otuu ba'atee, dhaloota keenyafis dhaloota nu booda dhufuufis agam tokko gaaridha seetan. Hunduu akka ogummaa isaatti wanta isa irraa eegamu otuu wal barsiisee yaadonni (content) nuti miidiyaalee hawaasaa irratti ilaallu ni baayyatu ture.

Egaa kunoo nutis waan barannee fi Ogummaa keenya ta'een dhaloota keenyaf hubannoo laachuuf, kallattii ogummichaa itti argisiisuf, carraalee hojii uumuf akkasumas Ogeessota faana wal barsiisuf garee Fiilmii fi Tiyaatira jedhu qabannee dhufneerra.

Gareen kun 100% dhimmoota Fiilmii fi Tiyaatira waliin wal qabatan qofa irratti kan xiyyeeffatudha. Yoo garee kanatti makamtan waan addaa argattu. Irraa barachaa itti bashannantu. Darbees ammoo carraalee hojii ogummaa kana keessan dhufan irratti hirmaachuu dandeessu. Miseensa keenya ta'aa. Namoota garee kanatti affeeraa. Yaada fi gaaffii qabdan maraa maxxansaa.

Fb
https://facebook.com/groups/fiilmii/
Tg
https://www.tgoop.com/Fiilmiin
Forwarded from Walaloon Jaalala via @Kaachuuyebot
Dambalii Jaalalaa

Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
CARII๐Ÿ‘‡

KUTAA 2ยฒffaa

......konkolaatichi kufaati hamaa waan kufeef lubbuun namoota muraasaa darbeera....warreen kaan irra miidhamni ciccimaan ga'eera....waarra miidhamni ciccimaan irra ga'e keessa Carii fi daadhiin ilmi obbo xaafa isaan tokkodha.
Obbo xaafanis miidhamaniiru garuu midhamni isaani akka warreen kaanii hammaata miti. cariin akka waldhaansa ga'aa argattuuf namni bukkee dhaabatu tokkollee hin jiru...Silas "hiyyeessaaf taraf hin jedhu tataraf itti jedha" akkuma jedhan Hiyyuumaashee fi nama dhabuushee bukkeetti balaa kanaaf saaxilamtee jirti. gaafa konkolaatichi garagalu warri miidhaman akka hospitaala galan kan godhe tirafikii yoo ta'uu, erga sana Warri fira qaban firri isaanii dhufanii miidhama isaaniif kunuunsa barbaachisu taasisaafi, Amma tokko yaaddoo isaanii irraa qooddataniiru. Cariin garuu "Cittoo irratti fanxoo" Akkuma jedhan Maatii dhabuu isheerratti Miidhamni kun irra ga'uu isaatiin namni "abbaan kanaa eenyu ?" jedhuun tokkollee nii dhabame. Cariin du'aaf jireenya gidduutti mararamtee boo'aa akkas ofiin jette. "
maal yaa waaq! dhiphina kanaa mannaa gaafuma sana konkolaatan sun otoo na ajjeeseera ta'ee akkam gaarii turee'" jetti, keessoo isheetti as laaltee achi laaltee gaafa kophaa taatu.

"Maaltu jireenya koo jeeqaa?
Eessaan manakoo lixxee..?
Maaf Kophaa koo na dhiphifta
Maatii koo narraa fixxee....
Maaf milkiin na baqatee?
Qullaa kootti na dhiisee...
Maafan kophaakoo boo'aa?
Gidirfameetoo ciisee......

Maaliif abdiinkoo goggoge
Deebi'eetoo hin marguu??
Maaliif waaqnii natti siqee
Dhiphina koo hin arguu?
Jireenyi keenya maaf diigame
Maaliif kophaatti na ambiftee
Maaliif saree roobaa na gootee
Guyyaa saafaa na salphiftee??

Haala rakkisa keessa teessee
Rakkoo hamaan dararamtee...
Jettee boo'aa turte cariin....
Garaan gaddee mararamtee"

Otuma haala rakkisaa jireenya nama jibbisiisu keessa jirtuu guyyoota lakkoofsifte. Obbo xaafan hospitaaluma keessa turan. garuu Cariin wal arguuf carraa hin arganne. obboo xaafan akka tasaa guyyaa tokko carii argee akka isheen itti jirtu hammaata ta'uus hubate. Cariin gaafa Obbo xaafaa argituu dhukkubnishee waan itti fure fakkaatti. Oboo Xaafaanis miidhamni ishee waan isa gaddisiisef mucaa isaa daadhi wajjiin yaali akka argattuf murteesse. turtii guyyaa muraasa booda cariif daadhiin yaali ga'aa waan argataniif miidhama isaanirraa damdamatan! obboo xaafanis cariin hanga guutummaa guututi fayyitutti carii of bira tursiisuf murteessan! Cariin Gargaarsa Obbo Xaafaafi Gargaarsa waaqayyootiin guutummaatti miidhama isheerraa fayyiteetti. Haalonni ishee muudatan yaada ishee jijjiirsisaniiru, Maal gootiree? Tarkaanfii gara biraa fudhachuuf humna hin qabdu, Gara firaatti baqachuuf fira hin qabdu, gara maagala deemte jiraachuf kan kaatefis dhiistee gara Mana Abba isheetti koophaa deebi'uf murtessite. Obbo xaafafi maati isaanitti nagaa dhaamte, Gara duubaatti deebitee mana namni keessa hin jirretti galuuf qajeelte...."Kan lafatti jibban siree namatti korti" Akkuma jedhan Cariin yeroo mana Abbaa ishee geessuu waan isheen hin yaannetu ishee muudate......


Kutaa 3ffaan itti fufa.....

Barreessaan๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.facebook.com/samuelgirma.samuel.1
Forwarded from Walaloon Jaalala
Namni hundumtuu waan isa ilaallatuu fi isa irraa eeggamu dhibbantaa muraasa qofa otuu ba'atee, dhaloota keenyafis dhaloota nu booda dhufuufis agam tokko gaaridha seetan. Hunduu akka ogummaa isaatti wanta isa irraa eegamu otuu wal barsiisee yaadonni (content) nuti miidiyaalee hawaasaa irratti ilaallu ni baayyatu ture.

Egaa kunoo nutis waan barannee fi Ogummaa keenya ta'een dhaloota keenyaf hubannoo laachuuf, kallattii ogummichaa itti argisiisuf, carraalee hojii uumuf akkasumas Ogeessota faana wal barsiisuf garee Fiilmii fi Tiyaatira jedhu qabannee dhufneerra.

Gareen kun 100% dhimmoota Fiilmii fi Tiyaatira waliin wal qabatan qofa irratti kan xiyyeeffatudha. Yoo garee kanatti makamtan waan addaa argattu. Irraa barachaa itti bashannantu. Darbees ammoo carraalee hojii ogummaa kana keessan dhufan irratti hirmaachuu dandeessu. Miseensa keenya ta'aa. Namoota garee kanatti affeeraa. Yaada fi gaaffii qabdan maraa maxxansaa.

Fb
https://facebook.com/groups/fiilmii/
Tg
https://www.tgoop.com/Fiilmiin
Akkamittiin akkas gootaa..??
Bishaanirraa funyoo footaa???
Dhoqqee qottee nii nyaattaaree?
Mukulkula nii baattaaree....?

Abiddaa waraabbattee
Biqilaa kee nii obaaftaa?
Guyyaa dhumee aduu lixee
Jabbiloota nii bobbaaftaa?
Dirree gubbaa osoo deemtuu
Nii dadhabdaa nii harqitaa...?
Akkam barri bakkaa badus
Daaraa hartee nii marqitaa?
...
Nat himimee naaf hin gallee
Sangaa qeensaan nii qaltaaree?
Isa du'e lubbuu oolchuuf.....
Boolla keessa nii galtaaree??
.....
Akkamittiin akkas gootaa??
Qilleensarraa funyoo footaa?

โœ Chala Beyisa.....!
Forwarded from Walaloon Jaalala
Namni hundumtuu waan isa ilaallatuu fi isa irraa eeggamu dhibbantaa muraasa qofa otuu ba'atee, dhaloota keenyafis dhaloota nu booda dhufuufis agam tokko gaaridha seetan. Hunduu akka ogummaa isaatti wanta isa irraa eegamu otuu wal barsiisee yaadonni (content) nuti miidiyaalee hawaasaa irratti ilaallu ni baayyatu ture.

Egaa kunoo nutis waan barannee fi Ogummaa keenya ta'een dhaloota keenyaf hubannoo laachuuf, kallattii ogummichaa itti argisiisuf, carraalee hojii uumuf akkasumas Ogeessota faana wal barsiisuf garee Fiilmii fi Tiyaatira jedhu qabannee dhufneerra.

Gareen kun 100% dhimmoota Fiilmii fi Tiyaatira waliin wal qabatan qofa irratti kan xiyyeeffatudha. Yoo garee kanatti makamtan waan addaa argattu. Irraa barachaa itti bashannantu. Darbees ammoo carraalee hojii ogummaa kana keessan dhufan irratti hirmaachuu dandeessu. Miseensa keenya ta'aa. Namoota garee kanatti affeeraa. Yaada fi gaaffii qabdan maraa maxxansaa.

Fb
https://facebook.com/groups/fiilmii/
Tg
https://www.tgoop.com/Fiilmiin
NAGAA KOOTI...!

Kumaatamaan walit qabee...
Manaa dhabus baay'ee wayyaa
Waan tokkotti yaaddoon qabu
Jireenyi koo martuu fayyaa.....

Godoon Kan koo gadi duufee
Ta'uu baatus akka mootii......
Inni anaaf homaa miti
Keessi Kan koo nagaa kooti..
...
Deemsa dhaabee yoon bututee
Fakkaadhullee kottee cabaa...
Keessi Kan koo gammadaadha
Yesuus qaba tiksee jabaa.....

Irri kankoo daalachaa'ee
Fuulli kankoo yoo bututee
Kessi kankoo haara'aadha
Tasa hin beeku abdii kutee...
...
Rukuchaadhaan miidhameetoo
Foonni kankoo yoo eela'ee...
Qabeenyi koo gad hir'atee
Qoonqoon Kan koo yoo beela'ee..
Manni Kan koo duwwaa ta'us
Homaa dhabus lafaa kuusee
Boriin Kan koo na eeggata....
Abdii guutuun firee buusee.....

โœ Chala Beyisa
MAALIIF UUMAMTEE?

Kutaa 1ffaaa

Boca sitti baasee
Sitti tolchee qalbii
Dachee kanarratti
Maaf si uumee rabbii?
Teessee yaaddee beektaa
Wanta jiru kaaftee...??
Kaayyoo uumamuu kee
Beektaa addaan baaftee?
Qaamota kee hundaan
Akkasiin kuulamtee...
Dachee kanarratti
Maalumaaf uumamtee?

Sammuu yaadu baattee
Akkasiin kuulamtee...
Biyya lafaarratti
Maalumaaf uumamtee??

#Chala Beyisa....

Kutaa 2ffaa........
Tokkummaa kaleessaa
Achumatti dhiiftee....
Barri darbe seetee
Wal nyaachuutti ciiftee?

Galaana guddaat hafeem
Yoom gamatti ceetee.....?
Waanuma biqiltee...
Guddatte of seetee..?
Dhaabachuun maal godhaa
Hin cimin hundeenii......
Gaafa wayii dhufee...
Si fuudha bubbeenii..

Walumaan walummaakee
Maaf buuftaa dhagaattii
Dhiisiitii jiraadhumee....
Tokkummaaf nagaattii....!

By Chala Beyisa
2024/05/23 17:42:41
Back to Top
HTML Embed Code:


Fatal error: Uncaught Error: Call to undefined function pop() in /var/www/tgoop/chat.php:243 Stack trace: #0 /var/www/tgoop/route.php(43): include_once() #1 {main} thrown in /var/www/tgoop/chat.php on line 243