tgoop.com/bashannanuuf/3712
Create:
Last Update:
Last Update:
Harkakoon sitti laadha
Situ na qaba jabeessee
Kaleessas lubbuunkoo
Sumaan har'a geessee....
Hin hiixadhu haalotaaf
Of hin amanu ormattii
Adda baaseen si uffadha
Sin keewwadha mormatti
Jireenyikoo goonkumayyuu
Si waliin nattin galu bitaa....
Ayyaanakeen miidhaksitee
Jiruukoo cululuksitaa.........!!!
Ergan fayyee maalan fedha
Naaf mirkaneessitem fayyina koo
Badii koo mataatti baattee
Salphatteem naaf salphina koo
........
Erga an fala dhabnaan
Wabii anaaf taatee....
Erga cubbookoo baattee
Fannootti ol baatee
Erga dhiigakee lolaaftee
Na oolfattee badiii....
Erga dhiqxee qulleesitee
Na godhattee adii....
Erga sanyii ormaa barbaaddee
Na firoomfattee alagaa....
Jireenya koof yaaddon qabu
Situ Anaaf ta'a nagaa......🙏🙏!!
✍️ Chala Beyisa
BY Sona walaloo
Share with your friend now:
tgoop.com/bashannanuuf/3712