ABDII_SABAA Telegram 18259
ABDII SABAA
#kutaa12ffaa Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera. Sagantaan qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa / Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoome. Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni…
“Qophiin Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 xumurame “- Daayrektera Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa.

Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa obbo Esheetuu Kebbedee akka jedhanitti, qophiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 xumuramee jira.

Yeroo baay’ee qormaanni yeroo gaggeeffamu hanni qormaataa fi gowwoomsaan ni jiraata; kana hambisuuf mootummaan bara 2014 irraa eegalee barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa itti barataniifi yunivarsiitiiwwan keessatti akka fudhatan taasiseera.

Barattoonni meeshaalee sagalee ykn viidiyoo waraabbii hanna qormaataa fi gowwoomsaa keessatti gargaaruu danda’an kamiyyuu fayyadamuun dhorkaadha. Kanaan walqabachuunis sakatta’iinsi cimaan akka taasifamuu fi kanneen qabaman irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru Dayirekterichi.

Barattoonni qormaata kana toora interneetii irratti fudhatan manneen barnootaa isaaniitti shaakala akka jiran kan ibsan Dr. Eshetuun, barattoonni qormaata kana waraqaa irratti fudhatanis hubannoo barbaachisaa ta’e akka argataniif tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Qormaata kana milkaa’inaan xumuruuf qabeenyi qormaatichaaf barbaachisu sakatta’amuun humna namaatiif leenjiin kennamaa jiras jedhan Dr Esheetuun.

Dabalataan hoggantoota Biiroo Barnoota Naannolee fi hoggantoota yunivarsiitii waliin tumsi cimaan taasifamaa akka jiru Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa obbo Esheetuu Kebbedee himaniiru.

Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni kun Waxabajji 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’uu beeksisuun keenya ni yaadatama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

tgoop.com/ABDII_SABAA/18259
Create:
Last Update:

BY ABDII SABAA

Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA/18259

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Telegram offers a powerful toolset that allows businesses to create and manage channels, groups, and bots to broadcast messages, engage in conversations, and offer reliable customer support via bots. To view your bio, click the Menu icon and select “View channel info.” 6How to manage your Telegram channel? Telegram channels fall into two types:
from us

Telegram ABDII SABAA
FROM American