tgoop.com/ABDII_SABAA/18204
Last Update:
#kutaa12ffaa
Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera.
Sagantaan qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa / Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoome.
Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni kun Waxabajji 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’a.
Barattoonni saayinsii uumamaa waraqaa irratti qoraman Waxabajjii 21 fi 22/2017 Yuunivarsiitii seenuun, Waxabajjii 29 fi 30/2017 ammoo barattoota saayinsii hawaasaatu seenu.
Barattoonni toora interneetii irratti qoraman mana isaanii irraa deddeebi’uun wiirtuu qormaataa ramadameetti kan qoraman ta’a.
Qabiyyeen qormaataa kitaaba barataa irratti kan hundaa'e waan ta'eef, tokkoon tokkoon barattootaa kitaaba barataa mana barumsaatti baratan irratti hundaa'uun beekumsaa fi hubannoo fooyya'aa argachuuf kitaabota wabii mijatoo ta'an fayyadamuun akka qophaa'an tajaajilichi waamicha dhiyeessee jira.
Meeshaalee hannaa fi gowwoomsaa qormaataaf oolu kamiyyuu yeroo qormaataatti fayyadamuun dhorkaadhas jedhama.
Odeeffannoon kun kan Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa irraa argamedha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
BY ABDII SABAA

Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA/18204