SMARTATTITUDE Telegram 330
"#Qabeenyichi_natti_haa_hafu!"

(Seenaan kun seenaa dhugaa, asuma gola Oromiyaatti, as dhiyoo kana raawwatedha. )

Namicha abbaa qabeenyaa tokkotu ture. Qabeenya looniifi lafaan akka naannoo jiraatuutti namni isa dursu hin jiru. Ilmaan isaa keessaa tokko barumsa baay'ee jaalata. Garuu abbaan isaa barumsa isaaf hin jaalanne. Osoo abbaan isaa akka inni barnoota dhiisuuf isa dhiibuutii, kutaa 12ffaa xumure. Ta'us, qabxii darbinsaa hin arganne. Kun mucaaf gadda, abbichaaf immoo gammachuu ture.  "Yaa ilma koo! Qabeenyi ani amma qabu kun eenyuuniyyuu ni gaha. Kunoo akka atuu argitu, qabeenya loonii dhibba lamaa ol qabaachuu koo irraa kan ka'e, garaacha loonii si'a lama uffadheen jira. Atis barumsa dhiiftee yoo namatti deebitee fuute, waanuma kanatu si eeggata. Ni koorta, akka barbaadetti ergatta. Barumsis siif ta'uu dideeraatii, kanaaf itti fuftee yaaluurra yerooon biraa gali! Garuu kana na dhagahuu diddee gara mana barumsaatti yoo deebite, anaafi ati hariiroo abbummaafii ilmummaa wal biraa hin qabnu. Nagaatti!" Jechuun abbaan isaa baay'ee itti dheekkama ture. Kana hundumaa mucaan hin fudhanne. Jaarsii abdii kutannaa malee, hiriyyoota mucaa sanaa jaarsummaa itti waamuun akka inni barnootatti nagaa dhaamu gochuuf haala mijeessuu itti fufe.
Mucaan gara dhumaatti, "Ilaa yaa abbaa koo, sinis dhagahaa hiriyyoonni koo! Ani osoo maal ta'eeyyuu barnoota koo dhiisee gara manaatti hin deebi'u. Akkuma sinuu jettan, hundi keenyas argaa jirru, loon abbaa koo dallaa guutuudha. Akka barbaadettan uffadha, nyaadha; garuu mul'anni koo isa kana miti. Akkuma abbaan koo hojjetee duurume, anis dhama'een horadha. Qabeenyi fixeensa! Qabeenyi baay'een amma abbaa koo qabu kun, yeroo muraasa keessatti dhabamuu danda'a. Garuu qabeenyi inni sammuu koo keessaa, ogummaan ani barachuu keessaan gonfadhu amansiisaadha. Kanaafuu, du'a qofaatu barumsa koorraa na deebisa" jechuun imala barnoota isaa itti fufe. Kanaan booda, nama gargaaree isa barsiisu hin arganne. Ofii hojii guyyaa hojjetee galgala barnoota isaa itti fufe. Akkanaan barnoota isaa xumuree. Hojiis qabate. Hojii qabachuu qofaa osoo hin taane, iddoo jirutti hojii ija qabu hojjechuun badhaasa garagaraa fudhatee jira. Waggaa muraasaa booda, carraa barnoota biyya alaa argateen biyya Indiitti barnoota isaa digirii lammaffaa xumuree gara biyyaatti deebi'e. Akkuma galeen gara mana abbaasaa deeme. Baay'ee kan nama ajaa'ibu, loon abbaasaa durii hin jirani. Horii keessaa sangoota lamaafi sa'aa tokko qofaatu dallaa keesa dhaabata. Namoonni isaaf ergamaa turan tokko hin jirani. Akkanaan jaarsii manatti galee jira. Dhugaan ilmi isaa isaan jechaa tures, yeroo kana isaaf ifoomuu hin hafu. Akkana dubbichi!

👉Dhugaadha! Kan nama faana laga ce'u, kan yeroo irratti aangoo qabu qabeenya keenya osoo hin taane, beekumsa keenyadha. Kan hin duunes lubbuu keenya miti, hojii keenyadha. Waan darbuuf gurra ergifnee waan hin dabarretti dugda gatuu irraa of haa eegnu! Beekumsi, gumaachiifi hojii gaariin keenya dhalootaaf ibsaa, addunyaaf immoo ifa ta'a. Eeyyen, waanumti hafuu qabu qofaan nutti haa hafu!
~~~

Inni hafu nutti haa hafu!

Abdiisaa Ejjetaa
Amajjii 31, 2021
@Orofrikaa
~~~
@Orobook

tgoop.com/smartattitude/330
Create:
Last Update:

BY Ilaalcha Gaarii

Share with your friend now:
tgoop.com/smartattitude/330

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

How to Create a Private or Public Channel on Telegram? End-to-end encryption is an important feature in messaging, as it's the first step in protecting users from surveillance. Telegram message that reads: "Bear Market Screaming Therapy Group. You are only allowed to send screaming voice notes. Everything else = BAN. Text pics, videos, stickers, gif = BAN. Anything other than screaming = BAN. You think you are smart = BAN. Public channels are public to the internet, regardless of whether or not they are subscribed. A public channel is displayed in search results and has a short address (link). The visual aspect of channels is very critical. In fact, design is the first thing that a potential subscriber pays attention to, even though unconsciously.
from us

Telegram Ilaalcha Gaarii
FROM American