tgoop.com/jechootahayyoota/918
Last Update:
#Physics Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️
Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.
Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.
Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture.
Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide.
Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.
Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.
Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.
Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate.
Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame.
Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye.
Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan. Kanaaf, bara dhufu irra deebiin barachuun dirqama natti ta’a” jedheen.
Yeroo kana maatiin isaa hedduu gaddan. Gaddanis hindhiisne. Waan qaban gurguranii carraa barnootaa biyya Chaaynaatti argate tokko akka baratuuf ala ergan.
Daani’eel asii fulla’ee Chaaynaan bahe. Achittis barnoota cinamatti dhiisee akkuma baratame garba araadota adda addaa daakuu itti fufe.
Gara biraatiin immoo, appilikeeshinii
‘Wuchat’ jedhamurratti hojii daldalaa eegaluun galii maddisiifachuu eegale. Takka turees ‘doormii’ yuunivarsiitichaa keessaa bahuun kophaa mana kireeffatee jireenya qananii jiraachuu eegale.
Sababa barnootatti xiyyeeffachuu dhabeef ammas yeroo 2ffaaf yuunivarsiitii biyya Chaaynaa irraa ari’ame.
Sana booda, guyyaa tokko osoo ashiishii dhugu qabame achuma Chaaynaatti guyyoota kudhan erga hidhameen booda gara biyyaatti galfame (deported).
Ammas yeroo 2ffaaf biyyuma Chaaynaa Magaalaa biratti barachuuf apply godhe. Milkaa’uunis garas imale.
Yeroo kana, araada wanta jedhamu tokkos keessa galuu akka hinqabne waadaa ofiif gale. Ta’us, guyyaa jalqaba doormii yuunivarsiitichaa seenee eegalee osomaa dhuguu waggaa tokkoof osoo daree hinseeniin hafe. Ajaa’iba!
Ammas yeroo 3ffaaf yuunivarsiii irraa ari’amuun darsa isaa guurratee fuulan Itoophiyaa ilaale.
Erga biyya gales maatii isaa dhokatee Finfinneetti daandiirra jiraachuu eegale. Takkaa turees, “Hiriyyoota kootu asitti na arguu mala” jedhee jireenya daandiirraa Finfinnee gara Bishooftuutti jijjiirate.
Bishooftuutti dhaqnaanis jireenyi itti ulfaate. Guyyoota lamaaf agabuu oole. Nilaaffate. “Yoo du’es Finfinneetti du’uu naaf wayya” jechuun ijoollee buufata konkolaataa keessa hojjatan qarshii geejjibaa kadhatee baasiin imala isaa gara Finfinneetti taasise.
Jireenyi isaa guyyaa kanarraa ka’ee jijjiirame. Baasii keessatti intala Bishooftuu deddeebitee Finfinneetti hojii miidhaginaa (decoration) hojjattu takka bira taa’e. Osomaa imalaa jiranuu sagalee guyyaa lama nyaatafi dhugaatii malee oolte, sagalee laaftuu takkaan “Biyyi teessan nibareeddi!” jedheen.
BY JECHOOTA HAYYOOTA

Share with your friend now:
tgoop.com/jechootahayyoota/918