DHWALALOO Telegram 2900
Kitaaba dubbifnee, waliin qu'anne, wal qo'achiifne, nuffineerra.
Ani siree gubbaa qumxa qofa uffadhe, miila takka gad diriiffadhee takka ol cabsee; duuydaan ciisa. Isheenis: qamisii burraburree tokko uffattee, qal'attee, luka lachuu diriirfattee, duuydan ciifti. "Yeroo hundumaa maaltu akka na gaddisiisu ni beekta? Isa si waliin wal bareedha. Natti dhagayama miirrii ibidda caalaa na gubu. Dhakaa caalaa ulfaatu. Utuu na gubuu, utuu natti ulfaatu, sammuu kiyyaan dirqitti, hoggane deeman. Ana na miidhaara, akka nan miinef, si irraanfaachuf waan hin godhin hin qabu. Amma waantin ani of too'adhu tokko yoo jiraate, sitti dubbadhe si mufachiisu qofa. Namoota saalli isaani anarra faalla ta'an hunda yoon argu situ keessaa natti mul'ata. Uffata, dibata, nyaata, fi walumaa galattii waan dubartoonni, itti fayyadaman yoon arges, sima yaada. Mariya maalif ija jaalalaatin nan ilaaltu? Suuta sutaan gara kiyyatti as dhiyaattee, funyaan keetin funyaan kiyyaa hin xuqxu? Maalif suuta jette arraba tee qara tanaan arraba tiyya dunduma tana hin waraantu? Maalif hidhii tee tan gororri nadhi damma keessaa cophu tanaan, hidhi tiyya hi luugdu" jedhee akka dura ciisurra suuta suutan, itti gara galee morma ishe jala seene fooli ishee suufu eegale.

Isheenis dura samii ol ilaalte, na dhageeffacha turte. Gara harka mirgaatte, narra achi fuulan garaglte "Jamaal maalif akkaan irraa deddeebin sitti himu na goota? Ni beekta akkaan nama jaaladhu qabu. Hubachu dhabe miti, humna kooti ol waan ta'eef calliseema si ilaalu filadhe" nan jette
"Mariyaa amma anaaf si malee eenyu as jira? Please Mariyaa" jedhee suuta suutan gubbattii bahe. Rifeensa ishee qaqqabachaa morma ishe irraa fooli suufa. Isheenis baay'ee dadhabdee, mormaa gara garanatti mimicciiraa, akka nama duubatti ilaaltu wahi taate "Jamaal ani baay'ee si jaaladha. Garuu Jamaal waan ati jette godhuuf, waada hiriyyaa koos nyaadhe, uumaa koos mufachiisaa? Uuuuff ahaaa Jamaal hin godhin! hin godhin Jamaal! Uuman nu arga" nan jette anis utaalee irraa ka'e.

Garaa alatti bahuuf tarkaanfii eegale "Jamaal" na jettee. Yeroo suuta suutan morma koo micciire ishe laalu, luka ishe tokko ol cabsite, tokko diriirfattee, qamisiin immo hanga jilba irraa ol dacha'ee, harka ishee lamaan gara garanatti zaraggaate, rifeensi ishee siree irraan gad rarra'ee, quba miila ishee qofa kan soch'u arga. Isheenis baay'ee laafte na ilaalti.
Gororri tokko hidhi isheetirra gad lola'a. anis ilaale ofirraa gara gaalee deeme. Homaa dubbachuuf humna dhabe.

Gadi bahee karra dura baaldin tokko afaanin gad deebi'ee ol gara galee jira. Irraa taa'ee, ija koo junuunfadhee "Uuma koo obsa naaf kenni! Obsaa naaf kenni" jedhe. Isheenis gad baatee lafuma fuulle kiyya teessee. Anis irraa joore. " Maalif fuula na dhoorgatta? Maalif duyda natti laatta Jamaal? Jamaal onnee qulqulluun wal jaalanna! Maaltu beeka kan walii ta'uu dandeenya! Uumamni wanti inni waan barbaadu dhabuuf yeroo baay'ee, miira ofii too'achuu dadhabee, waan uumaa mufachiisufiidha. Uumaan immo yoo uumamni seera jallise, duuyda itti laata. Ati dhugumatti goota. Miira kana hunda moo'atte as jirta? Ani gaafan na dhiisi siin jedhu tasa na dhiifta jedhe hin yaanne. Ati garuu jaalala naaf qabduufi sodaa uumaaf qabdu hojiin mul'ifte"

~~
@dhwalaloo @orolovechats

tgoop.com/dhwalaloo/2900
Create:
Last Update:

BY Dirree Aartii

Share with your friend now:
tgoop.com/dhwalaloo/2900

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

According to media reports, the privacy watchdog was considering “blacklisting” some online platforms that have repeatedly posted doxxing information, with sources saying most messages were shared on Telegram. Read now Matt Hussey, editorial director at NEAR Protocol also responded to this news with “#meIRL”. Just as you search “Bear Market Screaming” in Telegram, you will see a Pepe frog yelling as the group’s featured image. Clear The main design elements of your Telegram channel include a name, bio (brief description), and avatar. Your bio should be:
from us

Telegram Dirree Aartii
FROM American