tgoop.com/ABDII_SABAA/18270
Last Update:
ODUU:
Sooressi addunyaa kanaa Elon Maask bulchiinsa Tiraamp gadhiisuun isaa ibsame.
Eloon Maask bulchiinsa Doonaald Tiraamp keessatti caasaa baasii mootummaa hir'isu hogganuun hojii mootummaa Federaalaa baayyee hir'isuun booda Waayit Haawus gadhiisuuf ta’uu beeksise.
Maask miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaa X irratti ergaa qoode kanaa, Tiraamp hoggansa Damee Bu'aa qabeessummaa Mootummaa (Department of Government Efficiency - DOGE) akka gargaaaru carraa isaa kennuu isaaniif galateeffateera.
Roobii kana galgala Waayit Haawus Maaskiin akka hojjetaa addaatti geggeessuu jalqabuusaa BBCn gabaaseera.
Gaheen hojiisaa kan yeroo murtaahaa ta’us, hojii gadhiisuunsaa kan dhagahme garuu guyyaa tokko dura Maask seera wixinee Tiraamp qeequun booda jedhameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
BY ABDII SABAA

Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA/18270