tgoop.com/ABDII_SABAA/18263
Last Update:
ODUU:
Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa adeemsa keessa furuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Aadde Adaanech Abeebeen barsiisota bulchiinsa magaalichaa waliin mari’ataniiru.
Mootummaan hojiilee damee barnootaa cimsan hedduu hojjechaa akka ture yaadachiisuun, akka fakkeenyaattis sagantaa nyaata barattootaa eegalchiisuu, faayidaa barsiisotaa guddisuu, qulqullina barnootaa akka deeggaraniif galteewwan garaagaraa dhiyeessuu eeraniiru.
Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa adeemsa keessa furuuf waldaaleen 350 gurmaa’uun kumni 9 ol qusannaa eegaluu ibsaniiru.
Gaaffiwwan barsiisota irraa ka’an sadarkaa sadarkaan furuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jira jedhaniiru.
Wantoota gaggaarii adeemsa hojiilee keenya keessa galmaa’an akka ka’umsaatti fudhachuun hanqinoota sirreessaa dhufuu keenyaan hojiileen misoomaa akka magaalichaafi biyyaatti galmaa’an dhugoomuu danda’aniiru jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
BY ABDII SABAA

Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA/18263