Telegram Web
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#RABBIIKEE_SODAADHU

Humnan qaba jettee
Miskiina maaf miitaa?
Dhabamaaf Saaxiltee
Ofii Qanaaniitaa?

Ulee baattu sanaan
Maaf waadaa hin tiksituu?
Yeroo Sodaa Rabbii
Salphaatti jigsituu

Daldaltee jiraattus
Taatus Qotee bulaa
Abbaa Aangoo taatus
Cufee banaa Ulaa

Yoo taates barataa
Yoo ergamtes namaa
Dhaabbadhuutii ilaali
Maali bu'aan Hamaa

Nuti hunduu Tokkuma
Martuu Ilmaan Aadamii
Dubbiin Nurkaa badeem
Faannisaa Garamii?

Sodaan rabbii hafee
Na sodaadhuu Labsaa
Shiboo shiraa Marree
Mogolee wal cabsaa

Ifa waliif jibbaa
Dukkanaaf wal kennaa
Adaraa firakoo
Waan kana maal jennaa?

Inni musilimaaf inni kiristiyaanaa
Sodaa uumaa dhiisee
Walitti Xirqanaa

Namni waaqa tahaaree?

Fedhu jiraachisee
Fedhummoo Ajjeesaa
Haalli nu itti jirru
Nama qaanfachiisaa

Qalbiin nu hoongoftee
Sodaa uumaa Gattee
Walumaan walitti
Raajii nutti qaltee

Adaraa of yaadadhaa
Baraa Sodaa uumaa
Ergaankoo maraafuu
Ni geessi kanumaa

Rabbiin Rahaamata, Dhiifamaafi Hojii gaarii Jannataaf nu dabarsu nuuf haa kennu!

*RAAMADAANNI BARANAA Kan Gammachuu, Milkii fi Nageenya baatu nuuf haa tahu!

#waan dubbistaniif Galatoomaa!
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#ATIYYUU_NU_DANDEENYAAN

Uumama mara baattee
Jijim jettee Dhaabbattaa
Isa guyyaansaa gahes
Hasaasteema waammattaa

Si bira gad hin darbu
Garaa keetti simattaa
Gaariifi badaa hin jettuum
Ati eenyuuf rifattaa?

Dugdikeehoo hin dadhabuu
Sumarratti sirbinaa
Sumarra tarree gallees
Dhaabiitti wal jibbinaa

Atiyyuu nu dandeenyaan
Nuti waliif hin tollee
Maalummaa keenya hin barreem
Kunoo gaafa tokkollee

Ati duudaadhaam Dache
Sin dhageenyuum
Dubbattee
Kunoogaa Ilmaan Adam
Sirratti wal tuffattee

Silaa kan walii galtu
Dubbattee wal dhageessee
Rakkoon dugda keerratti
Didee walitti hadheessee

Kunoo Teessee rakkatti
Boqonnaa wal dhorkitee
Ati beektaaree Dache
Haqni eessatti sokkitee?...

Link kana Tuqaa Join gochuun Galaana Walaloo seenaa πŸ‘‰ @Abdiifan Yaada qabdaniifπŸ‘‰ @UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#HAADHAKOO!

Sirraa dhaladheetan
Ta'eem nama guutuu
Addunyaa Bal'oonuu
Bakkakee naan buutuu

Gadameessa keetti
Ji'a sagal Baatamee
Dhaladhees Guddachuuf
Sitti dabaalamee

Kunoo hanga har'aayyuu
Ati narraa hin haftuu
Bultee na eebbistaam
Kan garaa naaf Laaftuu

Eebbikees utubee
Na godheeraam namaa
Naaf jiraadhu ammallee
Maaloo waggaa kumaa

Oolmaakee deebisuun
Ulfaatullee Anattii
Sin Jaalladha Haadhako
Warqeedha naaf Atii...

Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#FREE_12+2

Karoorri baafamu
Milkaayuu hin dandeenyee
Jijjiiramee bulaam
Kan kalee dhageenyee

Yeroo hin beekamnetu
Karooras Hooggannaa
Raajiidhaam jarana
Jiruumti booddanaa

Nuti warri 12+2

Teenyee Eegaa jirraam
Guyyaa dhufee darbuu
Ji'a qotu malee Jiidha hin qotan Jedhuum
silaa sanyii garbuu

Bor boriin yoo hammaatte
Lafee gootiim Tiruu
Dhiiro mee waa jedhaa
Maali falli jiruu?

Waa marri nu dhibee
Barri gatii dhabeem
Waan amma bareedutu
Egeritti darbeem...

Waan dubbistaniif galatoomaa! 12+2 Qofa miti Warri biroonis ni jirtu Kan barri Qamalee Muka gadhiiste kan Lafas hankaakte taatan!
Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Forwarded from Sagalee Qeerroo Oromia
Oduu Amma Masaraa Mootummaa Keessaa Nu Qaqqabee....πŸ’₯β€Ό

Yaaliin Ajjeechaa Mummicha Ministeera Abiy Ahmed Irattii Taasifameen Lubbun Namoota......Seamore
Forwarded from πŸ”ŠHARARGEE MEDIA
Woow telegram fayyadamun qofa guyyati qarshii 10 hanga 100 hata'utii garuu
namoonni baayyeen keessan start gootanii osoo jion channel hin godhin dhiisaa jirtu
Telegramii fayyadamuudhaan guyyaa 1 tti kaardii 10, hanga 100 tti argachuu dandeessu

Kana argachuuf jalqaba Liinkii armaan gadii kana tuqxu πŸ‘‡
https://www.tgoop.com/ask_anything_ethiopia_bot?start=i1130202262

Sana booda Start isa jedhu erga tuqxanii booda join channel kan jedhu tuquudhaan chaanaalii isiniif dhufu Join gochuun dirqama
Kana booda afaan English kan jedhuuf amharic kan jedhu keessaa kan barbaaddan filattu sana booda INVITE kan jedhu tuquudhaan liinkii bifa samayawwiitiin isiniif dhufu namaaf share gootu gaafa namni 1 linkii keessaniin seene qarshii 2 isiniiif dabala nama 20f share yoo gootan qarshii 40 argattu
Garuu namni isin share gootaniif start godhee join channel gochuu qaba
Kaardii keessan erga kuffatani booda cash out kan jedhuu nidhufa isaa tuqun mobaayila keessanitti guutachuu dandesuu

%100 dhugaa dhaa itti hojedha

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.tgoop.com/ask_anything_ethiopia_bot?start=i1130202262
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#HAAMTUU_QUBA_CIRTE
_________\\__________

Hin saalfannee baraa
Jalloo Dugda Ookkoo
Quba Harkaa Ciruudhaan
Kan dalagdu Cookkoo
♧♣♣♧♣♧♣♣♣
Harkumaan Tolfamtee
Qubasaa irraa cirtii
Qaamuma Tokkicha
Bakka Lamatti Hirtii
♧♣♣♧♣♣♣♣♧
Xaafii Haami jennaan
Diddee Quba murtee
Waasii Waami jennaan
Dheefa yaadaa Bultee
♧♣♧♣♧♣♧♧♣
Uuruushee Jallistee
Gaareffachuu Biraa
Daba Yaaduu malee
Galanni eessa Jiraa?
♧♣♧♣♧♣♣♧♣
#HORAA_BULAA
Namoota Namootatti Fayyadaman!
Fulbarruu Dr Gurmeessaa irraa kan fudhatame
*****
β—‡ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha.
β—‡ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.
β—‡ Of-jaallattota kanaarraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjeechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessein meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.
*********
ΒΆ Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e' sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

ΒΆ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

ΒΆ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole ykn lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu (akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu.

ΒΆ Gaabbii hir'suu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii ykn mufii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii ykn mufii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala. Haga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatmuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa of qusachuunis barbaachisa. Waanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

ΒΆ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu. Sarduun murtii dabaa simurteessisuun mala isaanii keessa tokko waan ta'eef.

ΒΆ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruukee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.
**************
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.
**********
Dr. Dawit (Psychiatrist)

www.tgoop.com/Miyaahabiibii
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#MAAL_MALLISAA" Jettee?
β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯
Umurii jiraatte
Nuuf jettee Lallabdee
Haqa falmuurratti
Lubbuu kan kee dhabdee
Teenyee osoo Lakkoofnuu
Guyyaa Yaadannookee
Kunoo waggaa geenyeem
Oromoon Qomoonkee
Si dhabuun dhabamuu
Tahee jiraam nuttii
Akka hin taane taaneem
Hin jirruum jiruuttii
Sin dagannuum Hace
Eessaa si dagannaa?
Seenaakee kichuu sana
Akkamiin waakkannaa?
Sabnikee du'akeef
Si faana gugatee
Gufuu hin eegamneen
Dhahamee Gufatee
Ciniinsuutti jiraam
Ulfichoo hin dhalannee
Waadaakeef kan sabaa
Karaatti hin dagannee...(Itti fufa)
Nutti toleera yoo jettan, Dafeen isin dhaqqabsiisa
Waan #Dubbistaniif galatoomaa! Share, comment fi Like naaf godhaa isiniin jedhee hin beeku! Ni gootumoo ni dhiistu?
Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#GAAFA_RAAJII

Gaafa Hammeenyi miilla
Lamaan gabaa dhaqee
Gaafa Aadaaf Duudhaan
Dabaan karaa maqee

Gaafa Qeensi shiraa
Hongeerraa Biqilee
Gaafa Qoree Gogaan
Waraane Ciqilee

Gaafa Arrabni namaa
Kajeelu Wal hidduu
Gaafa namni shakkee
Sodaatu Gaaddidduu

Gaafa Ollaan Bunaa
Nagaa Walii Jibbee
Rakkoo wal Afeeree
Wal kuffisee Sirbee... (itti fufa)
Horaa Bulaa!
Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Forwarded from Odeefannoo Dhugaa
Oduu Ammee

Masaraa Mootummaa Keessatti Qaama Hin Beekamneen Boombiin Dhukaafamuun Lubbuun......Seamore
Channel name was changed to Β«Buufata WalalooΒ»
Forwarded from Bariisaa10Ka'iπŸ‘οΈβ€πŸ—¨οΈπŸ€³ (Bikila Hamza)
Ati mee naaf ta'i

Gubbaa sammuu kootii
Hiraariin dhuunfatee
Yaadaan jabaachuu koof
Gufuun na mudattee
-
Qaamni koos ni oowwa
Gogaan koo gubatee
Coraan qaama kootiin
Haphatee addaatee
-
Foon koo dhumee jira
Lafeen koo olbahee
Dhiphuun yaada kootiis
Roorroon itti walgahee
-
Nama tokko dhabee
Kan dhufee naaf nahu
Hunduu kophaa fiiga
Iyyaa koon dhagahu
-
Eenyuun naaf rifata
Jedhee kanin boohu
Jiruudhaan si dhabee
Kophaakoo yaaddahu
-
Ati eessa jirtaa?
Ati eessa kuttee
Lubbuukoo jiruukoo
Nan dhaqqabduu dhuftee?

✍✍✍✍✍✍
Β©Shamil Nasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@bariisaan_dhufe
Jaalala gar tokkoo

Si jibbeera jedhee
Jaalalattin qoosu
Siin jaaladha jedhees
Garaa sin booreessu.

Feesbuukiirra taa'een
Footoo tantee eega
Osoo tokko hin argin
Laayikii tuquuf fiiga.

Koomantii ol seeneen
Waa hedduu barreessa
Dhugaa seeta jedheen
Deebi'ee balleessa.

Abjuudhaan si argeen
Si hammadha utaalee
Dhunguu takka booda
Dhabamta ammallee.

Jiraachuu kiyyaahuu
Ati quba hin qabduu
Eenyu na gargaara
Ibidda na waaduu.

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Kana beektuu laata?!

Sodaan ilmi namaa waliin dhalatu sodaa wanta ol ka'aa irraa kufuu fi sodaa sagalee akkaan guddaa qofa! Sodaaleen isaan kaan ammoo kan jireenya yeroo yeroo keessatti naannoo keenya irraa dhaalludha!

✍✍ Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
HIN DUBBADHU

"Keessa kiyyaa wiixxifatee
Didee qalbiikoo na raasa
Xiriq godheen qabee taa'a
Yoon dubbadhes maalan baasa?

Hawwiinkoof fedhiin uumamaa
Yeroo jigee dhangala'u
Qulqullummaaf qajeelummaan
Yeroo godaane cala'u

Garraamiin garaa dhokfatee
Yeroo ta'u gantuuf didaa
Obseen ukkaamfadhee taa'a
Yoon dubbadhes maalan fidaa?

Rakkoon kiyya na waxalee
Qoraan ta'ee osoon gubadhuu
Waanan jedhee hin qajeelchineef
Afaankoo baase hin dubbadhu!"

✍✍Belina wakjira

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Ayi carraa kiyyaπŸ˜₯

Dheengadduma tana
Gaafan humna qabu
Qarshiis tahee fashii
Goonkuma hin dhabu.

Arjaa harka dheeraa
Furaa rakkoo maraa
Jaalataa namoomaa
Guddisaa ilmoo namaa.

Abbaa looniif jabbii
Sooressa abbaa dilbii
Abbaa gamoo kumaa
Badhaafamaa uumaa.

Amma gara galee
Dubbiin ta'ee faallaa
Manaa ari'ameen
Dirree keessa bulaa.

Osoon mana qabuu
Ta'e eegduu lafaa
Gamoo warra soddaa
Non-Oromoo qofaa.....!

✍✍Salah Qeranso

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Rakkoo guddoo ummanni Oromoo keessa jiru akka itti ibsannu dhabne😭.

Koottaa banaa dhaggeeffadhaa!

https://youtu.be/dkJ5u-qzfks

@sammuukeef
Erga odeessa kee
Gurri koo dhaga'ee
Suga dubbii keetti
Onneen kiyya na'ee
~
Ija kee goobanee
Addeessa fakkaatu
Simboo keessa goree
Qalbii namaa nyaatu
~
Erga siif na haalee
Yaadni an ajaje
Seeqa ilkaan keetiin
Adoodee fajajee
~
Surraa ejjennaa kee
Duuba wal ari'ee
Erga anummaaan koo
Siin faana qaari'ee...!
~
Erga guyyaa sana
Qalbiin gargar baanee
Kunoo hanga har'aa
Siis,ofiis hin taane !!

#Β²ffaa

Caalii Ax Aagaa ti (Maraaticha)
~~
@orolovechats
Ishee Aamboo jirtu

Yaa jaalallee tantoo
Ishee Aamboo jirtu
Halkaniifi guyyaa
Onneen kan siif dhumtu
~
~
An natti jabaatee
Yaadni kan jaalalaa
Jaalatoo akkami
Akkamtu naaf mala
~
~
Osoo wal hin quufin
Yaa tan adda baane
Miidhama yaadakee
Maaliif naf hin hubanne
~
~
Waa'ee keen abjoota
Hiikoon isaas suma
Kiiloon kiyyaas kunoo
Yaada keetiin dhumaa
~
~
An takkaa hin dagadhu
Waa'ee kiyyaaf keetii
Kophaa cinqamuun koo
An siin qabameetii
~
~
Yaa mootittii tiyya
Ishee Aamboo jirtu
Jiraadhu naaf nagaan
Hundi siif haa guutuu
Aangoo onnee koorraa
Yoomiyyuu hin buutuu!.

✍✍✍✍✍✍
Β©Shamil Nasir

@dhwalaloo @dhwalaloo

Yaada qabdaniif @samii_koo qunnamaa!.
2024/06/15 00:54:27
Back to Top
HTML Embed Code: