Telegram Web
Artist Andu'aalam Gosaa mirgi Wabii dhowwame.

Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtii dhihaate.

Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii madda Oduu BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiheesse.

Jalqaba torban kana Kibxata barii erga kaadhimaan Andu'aalam ''sababa ammaaf hin beekamneen kufuu'' booda qorannoof to'annoo jala oolchuu poolisiin beeksisee ture.

Modeela, akkasumas beeksisa garagaraa dalaguun kan beekamtu Qananii Addunyaa umrii 25'tti du'uu seenaa dhalootaasheerratti ibsameera.

Owwaalchisees guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera.

Dhaddacha har'aa irratti poolisiin Qananiin ALI Ebla bultii 1, 2017 barii sa'aatii kudhanitti mana jireenyaashee gamoo shanaffaarraa kufuu dubbate.

''Isa waliin waan jiraattuuf…isa shakkinee to'annoo seeraa jala oolchinee jirra.

''Kanaafuu shakkii kanaan kaanee qorannoo akka gaggeessinuuf guyyaan 14 [qorannoof] nuuf haa kennamu jedhanii gaafatani,'' jedhan abukaatoon isaanii Obbo Liban.

Poolisiin dhaddacharratti hanga ammaa ashaaraa kaasuu, qorannoof reeffa hospitaalatti erguu akkasumas ragaa namaallee sassaabaa akka jiran dubbatan.

''Amma suuraa galmee waliin walitti qabsiisuuf, jecha ragaa namootaa fudhachuuf, hanga qorannoon reeffaa dhufu qorannoo waan goonuuf,'' guyyoota 14'n gaafachuu dubbatan.

Haa ta'u malee, manni murtii gaaffii mirga wabiin gadhiifamuu akka dide himan.

''Amma ajjeechaan waan shakkameef yeroodhaaf mirga wabii isaa hin ilaallu, bu'aan qorannoo reeffaa haa dhufu ragaanis walitti haa qabatuuti beellama itti aanutti dhimma wabii isaa ilaalla,'' jechuu dubbatan.

Amma yoo bahe miidiyaa hawaasummaarratti wanti jiru xiqqoo waan ho'eef beellama tokkoffaadhaan mirga wabii isaa eegun xiqqoo rakkisaadha,'' jechuun abbaan seeraa beellama qabachuu himan.

Akkaatuma kanaanis, guyyaan 13 eeyyamamee beellamni itti aanu ALI Bitootessa 17, 2017 beellamni biraa qabamuu BBC' gabaaseera.

@QarooPost
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa. Garee Teelegiraamii bara 2022 dura banamanis ni bitna
USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.
Jeneraal Taddasaa Warradaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun muudaman.

Jeneraal Taddasaa Warradaan waggoota lamaan darban itti aanaa bulchiinsa yeroo fi hogganaa sekeetara kaabinee nageenyaa fi Tasgabbii ta'uun tajaajilanii jiru.

@Qaroopost
Barattoonni mobaayilii qabatanii mana barumsaa akka hindeemne sochiin eegalame.

Barattoonni bilbila mobaayilii qabatanii gara mana barumsaa akka hindeemne sochiin eegalamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa raawwii hojii ji’oota sagaliifi karoora egeree ilaalchisuun har’a ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin akka jedhanitti, torbee dhufu biirolee barnootaa waliin mariin akka gaggeeffamu akeekaniiru.
Haalatti akka barattoonni bilbila qabatanii gara mana barumsaa hindhufne taasisuu danda’amurrattis akka mari’atamu eeraniiru.

Yoo waliigalteerra ga’ame bara dhufurraa eegalee barattoonni mana barumsaa seenanii barumsa hordofuu malee akka bilbilaan qabatanii hinseenne taasifama jedhan.

@QarooPost
"Konkolaachisaan waraqaa ragaa madaalli dandeetti ogummaa hin qabne konkolaachisuu hin danda'u" Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii

Ministeerri geejjibaa fi loojistikii :- bara qabne irraa eegalee akka biyyaatti madaalliin dandeetti ogummaa konkolaachiftoota ni eegala" jechuun ibsaniiru.

Madaalli dandeettii ogummaa wanti kennuun barbaachiseef balaa tiraafikaa gahaa jiru keessa %83 rakkoo konkolaachisaa fi konkolaatan wala'qabate ta'uu isaatiin jedhameera.

Bara kana madaalliin konkolaachiftoota hojii irra jiraniin akka jalqabu mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaan madaalliin konkolaachisaa ummataa fi fe'aa gogaa sadarkaa 1 hanga 3 fi akkasumas konkochiftoota dhangala'aa fe'an sadarkaa 1ffa fi 2ffaaf akka kennamu ibsaniiru.

Madaalliin dandeettii ogummaa kennamuun dura konkolaachiftootaf leenjiin ogummaa ni kennamaaf jedhameera.

Leenjiin booda madaalliin dandeetti ogummaa(COC) akka fudhatanii fi qormaaticha kannen darban heeyyamni konkolaachisaa isaani akka addunyaatti fudhatama akka qabaatu ministeerichi ibseera.

Gama biraatiin, konkolaachiftoonni madaalli dandeetti ogummaa fudhatani hin darbine irra deebiin leenjii fudhatanii qoramu jedhameera.

Waraqaa ragaa madaalli dandeetti ogummaa kanneen hin qabnes konkolaachisuu akka hin dandeenye beeksiseera.

@Qaroopost
With its advanced technology and customer-centric approach, Global Cloud Mining offers a sustainable way to mine cryptocurrencies in 2025. Whether users are experienced investors or beginners, the platform ensures profitability and ease of use.
Become a new member and receive a $18 credit to spend on the platform. This bonus is a welcome bonus and a recognition of your earning potential.

The key to safe cloud mining is choosing a company with a long track record, real data center connections, and clear terms. In our 2025 review, Global Cloud Mining ranked #1 for trust, transparency, and overall user satisfaction.

**High-yield contract plans to choose from**
Looking for higher returns? Join a more profitable contract plan to achieve long-term performance growth. These flexible plans help you steadily increase your income while optimizing your financial planning.Official
website: https://35global.com
With its advanced technology and customer-centric approach, Global Cloud Mining offers a sustainable way to mine cryptocurrencies in 2025. Whether users are experienced investors or beginners, the platform ensures profitability and ease of use.
Become a new member and receive a $18 credit to spend on the platform. This bonus is a welcome bonus and a recognition of your earning potential.

The key to safe cloud mining is choosing a company with a long track record, real data center connections, and clear terms. In our 2025 review, Global Cloud Mining ranked #1 for trust, transparency, and overall user satisfaction.

**High-yield contract plans to choose from**
Looking for higher returns? Join a more profitable contract plan to achieve long-term performance growth. These flexible plans help you steadily increase your income while optimizing your financial planning.Official
website: https://tglink.io/cb3fa3e5e211
Only the first 20 people will be admitted to the group where the best quality signals are shared 🔥🔥

I personally recommend you to participate 👇

https://www.tgoop.com/+LtTG49-GDoJjNjRi

Also don't miss the VIP GROUP where additional signals are shared 💎🔥👇🏻

https://www.tgoop.com/+LtTG49-GDoJjNjRi
Only the first 20 people will be admitted to the group where the best quality signals are shared 🔥🔥

I personally recommend you to participate 👇

https://www.tgoop.com/+LtTG49-GDoJjNjRi

Also don't miss the VIP GROUP where additional signals are shared 💎🔥👇🏻

https://www.tgoop.com/+LtTG49-GDoJjNjRi
Inistiitiyuutiin Sadarkaalee Itoophiyaa sadarkaalee haaraafi fooyya’ee fayyaa hawaasaafi nageenya naannawaa eegsisan 34 raggaasisuu beeksise.

Daarektarri Inistiitiyuutii Sadarkaalee Itoophiyaa Doktar Masarat Baqqalaa, inistiitiyuutichi dameelee shaniin sadarkaalee 63 qopheessee boordiif kan dhiheesse yoo ta’u, sadarkaalee dhihaatan keessaa 34 raggaasiseera jedhaniiru.

Inistiitiyuutiin Sadarkaa Itoophiyaa, damee qonnaa fayyaa naannawaatiin haaraa 19fi kan keessa deebi’aman 15, walumaagalatti, sadarkaaleen 34 akka raggaasifaman taasiseera jedhaniiru.

Damee fayyaafi nageenya naannawaatiin sadarkaalee haaraan 10fi kan keessa deebi’ame sagal raggaasifameera kan jedhan daarektarri kun, damee qonnaafi nyaataatiinis hojiin sadarkaalee haaraa sagaliifi keessa deebi’ame jaha raggaasisuu raawwatameera jechuun ibsaniiru.

Sadarkaalee 34 raggaasifaman keessaa 18 dirqama ta’uu kan ibsan Doktar Masarat, sadarkaaleen dirqamaa kanniin dhaabbilee fayyaa ilaallatan haaraa sadii, kan keessa deebi’aman sagaliifi haaraa jaha kanniin qulqullina naannawaa eegsisan keessatti argamu jechuun ibsaniiru.

Sadarkaaleen raggaasifaman, kallattiiwwan guddina dinagdee ittifufsiisuu, qulqullina naannawaafi fayyaa eegsisuufi dorgommii daldalaa dabaluu keessatti gahee olaanaa qabu; hunduu hojiirra oolchuuf gaheesaa bahuu qaba jedhaniiru.

@Qaroopost
Aniimeeshinii 2D fi 3D hojii fiilmiif bal’inaan fayyadamuun murteessaadha

Sadarkaa filmiin addunyaa irra gahe aniimeeshinii 2Dfi 3D babal’isuun adeemsa hojiimaata fiilmii ammayyaa cimsuun barbaachisaadha jedhe Ministeerri Aadaafi Ispoortii.

Sagantaan piroojektii leenjii “Immaajiingi Aniimeeshin Miidiyaa” kan gaggeeffame yoo ta’u, Waliigalteen piroojekticha jalqabsiisuuf dandaassisu Ministeera Aadaafi Ispoortii fi Giddugala Kuul Joon C. Roobiinsan gidduutti mallattaa’eera.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii saganticharratti akka jedhanitti, leenjichi saayinsii, teeknooloojii, aniimeeshinii, roobootiksii, hubannoo namtolchee, sinimaatoogiraafii, aartii diijitaalaafi piroodaakshinii fiilmiifi miidiyaa hammata.

Hirmaattonni leenjichaas seenaafi aadaa Itiyoophiyaa kalaqaan dabaaluun ibsuu akka danda’aniif dandeettii isaanii kan guddisudha.

Sadarkaa fiilmiin addunyaa irra gahe aniimeeshinii 2Dfi 3D babal’isuun adeemsa hojiimaata fiilmii ammayyaa cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Leenjichi ogeessa fiilmii Ameerikaan waggoota sadiif qoqqoodamee kan kennamu ta’uu kaasanii, ogeeyyii ogummaa diijitaalaa olaanaa qaban horachuu dandeessisa jedhan.

Embaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaatti argamuufi Yuuniivarsiitiin Qiddist Maariyaam piroojektichaaf deeggarsa taasisaniiru.

Maddi:- FBC
@Qaroopost
PSG V Inter Miilaan-13’

Taphni jalqabeera. Muniik Aliyaanzi Areenaa irratti PSG yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’atamoo? Inter Miilaantu waggaa 15 booda waancicha injifata?

PSG 1:0 Inter Milan
@Qaroopost
Dorgommii ‘Miss World’n bareedduun Itiyoophiyaa 2ffaa baate.

Dorgommii miidhaginaa ‘Miss World’’ Biyya Indiyaatti dorgomameen Bareedduun Itiyoophiyaa, Hasseet Darajjee Sadarkaa 2ffaa baate.

Bareedduun Itiyoophiyaa kun Addunyaa irraa 2ffaa, Afrikaa irraa ammoo 1ffaa bahuun dorgommicha kan xumurte.

Dorgommicharratti babareedduuwwan biyyoota 109 hirmaataniiru.

@Qaroopost
PSG 2-0 Inter Miilaan-25’

Hakiimii fi Dizaayer Doowee galchii lakkoofsisan.

PSG mo’annaan yeroo jalqabaaf waancicha mo’achuu isaaniiti jettanii yaadduu?

@Qaroopost
PSG injifataa shampiyoons liigii bara 2025 ta’eera.

@Qaroopost
Himanni lamaan Obbo Taayyee Danda'aa irraa bilisa jedhaman deebi’ee falmiin akka irratti gaggeeffamu manni murtiin ajaje

Waggaa tokkoon dura aangoo Deetaa Ministira Nagaa irraa kaafamanii to’annoo jala kan oolanii fi ergasii himata sadii irratti baname keessaa lamaan bilisa jedhamuun himata tokkicha hordofaa kan turan Taayyee Danda’aa, himatni lamaan irraa bilisa jedhaman deebi'ee akka itti fufu ajajame.

Himatni lamaan Obbo Taayyeen irraa bilisa jedhamanii turan 'Diina waliin waloomuu' fi ''ergaawwan sochii qaamolee farreen nageenyaa ABO Shanee fi Faannoo deeggaran karaa Feesbuukii isaanii qoodaniiru” jedhan yoo ta’an, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa Adoolessa 30, 2016 ALI himatawwan kanneen irraa bilisa isaan jedhee ture.

Gama kaaniin Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Taayyeen himatawwan kanneen irraa bilisa ta'uu hin qaban jechuun ol iyyannoo erga itti gaafate booda dhimmi isaanii Mana Murtii Waliigala Federaalaatti ilaalamaa tureera.

Manni murtichaas dhimma himata lamaanii kanarratti jala murtii kennuuf beellama har'atti qabateen ol iyyannoon Abbaa Alangaa waliigala Federaalaa fudhatama argachuun himata lamaan bilisa jedhaman akka ofirraa ittisan ajajeera.

Kanaaf jechas himatni lamaan ammaan dura bilisa ittiin jedhaman galmeen gara mana murtii olaanaa federaalaatti deebi'ee falmiin kan itti fufu ta’uu abukaatoon isaanii himaniiru. Mirgi wabii kan eegameef himatawwan sadan keessaa lamaan bilisa jedhamee waan ta'eef mirgi wabii ammaan dura isaaniif eegame itti fufamoo ni kaafama kan jedhu beellama itti aanurratti kan beekamu ta'as jedhan.

Maddi:- BBC
@Qaroopost
Qaroo Post
Photo
Bareedduu Hasset Darajjee, kan badhaasa birrii miliyoona 67 eeggachaa jirtu

Dorgommii bareedina Miss World bara 1951 HITEX Hayderabad, Telanganat taasifame bara kana yeroo 72ffaaf Hindi, keessatti gaggeeffameen lammiin Itoophiyaa Hasset Darajjee dorgomtuu ishee Taayilaand duubaan sadarkaa lammaffaa baate.

Dorgommii kanaan lammii Taayilaand Opal Suchata Chuangsri tokkoffaa bahee ... Lammiin Itoophiyaa Haset Dereje lammaffaa yoo ta'u , lammii Poolaandi Maja Klajda 3ffaa baate.

Akkasumas dorgommii kana irratti warra 1-3 irraa dursanii dhufan hundaaf badhaasni kan kennamu yoo ta’u, Opal Suchata kan durse ammoo gonfoo daayimandiitiin faayame ni badhaafamti.

Badhaasa doolaara miliyoona tokkoo waancaa kana injifachuu isheetiin argattu malees, waggaa tokko biyya Ingiliziitti dabarsuu, baasii hunduu kaffalamee, pirojektii Beauty with a Purpose jedhamu jalatti imala tola ooltummaa idil-addunyaa taasisuu ni dandeessi.

Dhaabbilee faashinii idil-addunyaa adda addaa waliin waliigaltee beeksisaafi maqaa daldalaa doolaara miliyoonaan lakkaa'amu mallatteessiteetti.

Itti aansee kan jirtu Hasset Darajjee ishee biyyaa keenyaatti. Hasset dorgommii kanaan sadarkaa lammaffaa argachuu isheetiin doolaara kuma 500, ykn maallaqa keenyaan birrii miiliyoona 67 ol kan injifatte yoo ta’u, dizaayinarota addunyaa fi dhaabbilee faashinii beekamoo ta’aniin dhiyeessii bilisaan isheef kennama.

Dhaabbilee meekaappii fi faashinii addunyaa irratti beekamoo ta'aniin beeksisa adda addaa ishee hojjachiisu.

Ambaasaaddara maqaa (brand ambassador) taatee doolaara miliyoonaan lakkaa'amu argatti.
Konkolaataa irraa kaasee hanga manneen daldalaa qananiitti oomisha isaanii beeksisuuf kennaa bilisaa isheef dhiyeessu.

Haset akkasumas dhaabbilee beeksisa idil-addunyaa waliin ta'uun VIP Travel Packages uumuuf hojjetti, kunis daandiiwwan qilleensaatiin bilisaan gara biyyoota adda addaatti akka imaltu ishee dandeessisu Danda’a.

Hoteelota urjii shanii addunyaa guutuu keessas bilisaan buluu dandeessi.

Sadarkaa sadaffaa kan argatte Maja Klajda lammii Poolaandis badhaasa maallaqaa doolaara kuma 250 fi carraa adda addaa ni argatu.

Bareedduwwaan Addunyaa biyyoota adda addaa108 ta'an dorgomichaa irratti hirmaachuun bareedduu addunyaa bara darbee lammii Cheek Rippabiliik irraa goonfoo fudhachuuf wal dorgomiin xumuramee.

@Qaroopost
Forwarded from KENNAA
Page facebook bitachuu kan barbaaddan hundi nu biraa argattu
Kan followers
10k-500k keessaa hanga feetan nu biraa argachuu dandeessu

Keessaan nuuf barreessaa @Abdii16
2025/06/16 19:26:21
Back to Top
HTML Embed Code: