Telegram Web
Bakakkaan isa hin rukutne, isatu bakakkaa ofitti harkise male
~~~
Bakakkaan waan irra bu'e dhungatee deema moo gubee barbadeessa?
Eda halkan bokkaa rooba cimaa roobe hordofee balaqqeessi guddaan yeroo mallattoo ji'aa gamoo Burji-Saa’aah irra jiru gar-tokkee isaa irra qubatu suuraan mul'isu miidiyaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.

Maaliif mudata jedhee gaafadhee maxxansan sa'atii muraasa dura maxxanseen namoonni hedduun ''dallansuu Rabbiiti, Sa'uudiin akkas taatae akkana goote,,, jedhani''

Namoonni muslima hin ta'in ammoo ''amantaan keessan dhugaa miti, kuni mallattoodha, dafaa gara iyyasuusitti kottaa'' jedhanii deebii naaf kennan.

Kun hunduu soba. Sababa wanti kun mudatuuf osoo google goonee daqiiqaa lamaafi sadii keessatti sababa isaa baruu dandeenye ture. Garuu namni danuun dhugaa sana barbaaduu dhiisee waanuma isatti dhaga'mu deebisa.
https://www.tgoop.com/Keyralumma
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Sababni kun ta'eef kana. Sa’aatiin gamoo guddaa kana ira jiru meeshaa bakakkaa ofirraa qolatu 20 fi meeshaalee biroo kanneen balaqqeessa addaan eeguufi to'achuuf oolan 800 of jalaa qaba. Kanaaf qabee ittise (sababa tahee) male bakakkaan akkamitti erga irra bu'ee osoo gubee hin barbadeessin dhiisa? Moo dhungatee deemuufi?
Assalaamù alayikum worahmatullaahi wobarakaatuhuu


🔸Guyyaa Jumu'aa/Jimaataa

قال النبي ﷺ : "خيرُ يومٍ طلعت عليه الشمس يوم الجمعة فيه خُلق آدم وفيه أدخل الجنة وفيه أخرج منها ولا تقوم الساعة إلا في يوم الجمعة"
رواه مسلم
Ergaman rabbii ﷺ akkana jedhan «Irra caalaan guyyaan aduun keessatti baate guyya jum'aati, guyyan jum'aa guyyaa Abbaan kenya Aadam uumame, guyya jum'aa guyya abban kenya Aadam jannata seensifame, akkasuma guyya jum'aa jannata kessa baafame, ammas guyyuma jum'aa qiyaaman dhaabbatti ja'e»


📜 Sunnaaleen guyya kana kessa dalaguun barbaachisa.

●Qaama dhiqachu
●Waan urgaawu dibachuu dhiira qofaaf
●Uffata baareedaa uffachuu
●Ikkaan suwaakachuu
●Masjiidatti Gananfachuu
●Suratul-khahfi qara'u
●Du'aa'ii heddumessu
●Nabi Muhammed ﷺ
irratti Salawaata baay'inaan buusu

Sunaaleen Kunniin Hunduu Ragaa Hadiisaa Qabu Itti Dalaguun Ajrii Isaa Goonfachuu Qabna.

ٱللَّـﮬـُمَّ صـَلِِّے وَسَلِّـمْ وبارك ؏َـلَے نَبِيِّنَا مُحَمـَّدْ

🌺 Join godhaa. Share woliif godhaa

https://www.tgoop.com/Keyralumma
Kubbaaniyyaan teeknoloojii Ameerikaa aappii Iyyasuusiifi seexana dabalatee kanneen biroo waliin chaat ittin godhan hojjachuu isaa ibse

Kubbaaniyyaan teeknoloojii Ameerikaa aappii Iyyasuus waliin chaat ittin godhan hojjachuu isaa ibseera.

Teessoo muummichaa isaa Ameerikaa Loos-Anjalas kan godhate kubbaaniyyaan sooftiweerii kaat lufaa jedhamu kun appilikeeshiinii Iyyasuus waliin walquunnaman (chaat ittin godhan) hojjachuu isaa ibseera.

Teeknolooojii arteefishaal intelejensii Chaatjibiitii jedhamu fayyadamuun appilikeeshiiniin yookiin sooftiweeriin hojjatame kun namoonnii Iyyasuus Kiristoos dabalatee kanneen kitaabilee amantaa kiristiyaanaa biroo keessatti maqaan isaanii eerame waliin dubbachuu danda'u jedhame.

Namoonni appilikeeshiinii kana fayyadamuun kanneen kitaabicha keessatti maqaafi seenaan isaanii caqafame maqaa isaanii waamaa ittiin dubbachuu danda'us jedha gabaasni kubbaaniyyichaa.
https://www.tgoop.com/Keyralumma
{إن الله وملائكته يصلون على النبي يا أيها الذين آمنوا صلوا عليه وتسلموا تسليما]


- Salawaata ergamaa rabbii ﷺ irratti buusuun guyyoota biroo irraa guyyaan juma'aa jaallatamaadha, halkan isaallee irra caalaa halkaniiti. Akkuma ergamaan rabbii ﷺ jedhan:

(" إن أفضل أيا مكم يوم الجمعة فأكثروا  علي من الصلاة فيه")

《 Irra caalaan guyyoota keessanii guyyaa juma'aati. Guyyaa juma'aa keessa salawaata narratti buusuu heddummeessaa jedhan ergamaan rabbii ﷺ



👉 Qaama dhiqachuu
👉 Qeensa qorachuu
👉 Shittoo dibachuu (dhiira qofaaf)
👉 Ilkaan suwaakkachuu
👉 Irra caalaa uffataa qabdu uffachuu
👉 Suuraa kahf qara'uu
👉 Ganamaan masjiida deemuu
👉 Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessuu ﷺ


《اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليما كثيرا 》.


Guyyaa Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،


https://www.tgoop.com/Keyralumma
As. Wr. Wb

Oduu Gamaashisa
Godina Jimmaa Anaa Geeraa magaalaa ciraati markazaa.nur Baraatota wagaa (2) qaraasisaa ture adhaa ebisisee jiraa dhirotaa (15)shamaare(2)

www.tgoop.com/Keyralumma
Assalamu'aleeykum warahmaatullaahi wabarakaatu
🌘Ramadaanni Seenuufi ..... 🌘


🌺 Ji'ini ramadaanaa Nuuf Seenuuf Guyyoota Muraasa Qubaan lakkaawamuutu Nuuf hafe !! 🌺🌺

🌼Ramadaana kana jalqabuu keenya Dura Qalbii teenya Haa qulqulleessinuu ... 🌼🌼

Yoon jechaan si balleesse Dhiifama 🌷
Yoon gochaan si balleesse Dhiifama 🍀
Yoon si boodatti si hamadhes Dhiifama 🌻
Yoon maqaa kee xureesses dhiifama 🌺

Anis Waanni natti balleessite yoo Jiraate 💯% dhiifama siif godheetin jira ...

أحبكم في الله
Rabbiif jechan isin jaaladha

👉 Ergaa tana nama jaalattu cufaafuu Ergi 🌿🌿

www.tgoop.com/Keyralumma
𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚 𝐱𝐢𝐧𝐱𝐚𝐥𝐥𝐮 #6

Oso Adunyaan Rabbiin biratti haga kochoo Bookee...madaaltu tahe  silaa kaafirri bishaan al tokko afaan naqatu hin argatu ture   garu Adunyaan gadhee   Rabbiin birattis homaa bakka waan hin qabneef Adunyaa  kana kaafiraafis tahe mushrikaaf itti bana,  Abbootii qabeenya Adunyaa  Amantaa isaan hordoofan yoo xinxaltee ilaaltee  kaafirota Rabbitti qindeessanidha ykn jaahilota Rabbiin hinjiru jedhanii miira ofi gabbaranidha ykn ammoo Namoota Islaamummaatti of hirkisanidha.  

Rabbiin Adunyaa  tana nama jaallatuufis tahe nama hin jaallennef akkasumas muslimaafis tahe kaafiraaf ni kenna. Sababni isaas Adunyaan kun dhumtuudha  faayidaa yeroo gabaabaa qofadha male Dureessi Abbaa biliyoonaas tahe hiyyeessi  qixxaa nyaate bulu kessaa ni godaana. 
Namoonni hedduun dura hordoftoota amantaa Islaamaa kan turan  qamadii fi maallaqa xiqqoo  pheenxeen keennitu argachuuf Amantaa isaanii akka jijjiran nin dhagaha.   Irra baay’een namaas  yoo Rabbiin sii jaallate  maallaqa sif kenna jedhani yaadu.  Mee keyyattoota Rabbii kannen kana haa xiinxallu

وَلَوْلَا أَن يَكُونَ النَّاسُ أُمَّةً وَاحِدَةً لَّجَعَلْنَا لِمَن يَكْفُرُ بِالرَّحْمَٰنِ لِبُيُوتِهِمْ سُقُفًا مِّن فِضَّةٍ وَمَعَارِجَ عَلَيْهَا يَظْهَرُونَ

Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaaniitiifi sadarkaawwan ittiin ol ba’an meeta irraa taasifna turre.

وَلِبُيُوتِهِمْ أَبْوَابًا وَسُرُرًا عَلَيْهَا يَتَّكِئُونَ

Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).

Mee laalii  namnii dunyaa xiqqoo kaafirri argatee kanaaf  hinaafe  akka isaanii tahuuf kufriitti kan seenu yoo tahe.. akka Rabbiin jedhu kanatti manneen isaanii, balbala manneen isaaniifi siree isaanii meetii irraa oso godhe nama meeqatu akka isaanii tahuuf kufriitti seena ture?

Har’a namoota Rabbitti kafaran sun dureessaa fi Abbootii qabeenya tahu isaanitin hin ajaa'ibamiin  Rabbiin Adunyaa nama fedhef kenna   kessattu kaafirootaaf dunyaan jannata... muslimootaaf ammoo mana hidhaadha.  Akhiraan garu muslimoota qofaafi... Rabbiin Adunyaa kaafirotaaf akka kennu erga dubbate booda..

وَزُخْرُفًا ۚ وَإِن كُلُّ ذَٰلِكَ لَمَّا مَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۚ وَالْآخِرَةُ عِندَ رَبِّكَ لِلْمُتَّقِينَ

Faayaas (ni goonaaf)  Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofa  Aakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.

Gandii akhiiraa garu namoota dunyaa kessatti Rabbiin sodaatanidha  namoota adunyaa dhumtu kanaan hingowwamnedhaaf  namoota islaamummaaf jiraatani islaamummaaf dabraniidha. Kaafirri akhiraatti ibidda laalessaa male homaa hin argatu.

Kam filattan yaa Obboleewwan koo?

https://www.tgoop.com/Keyralumma
Oduu gammachiisaa!!
Baatiin ramadaanaa seeneera. Guyyaa boruu guyyaa soomanaa baatii ramadaanaa 1 jennee kan eegallu yoo ta’u halkan har’aa taraawiiha eegalla inshaallaah!



www.tgoop.com/Keyralumma
26 faayidaa Ramadaanaatti fayyadamuu

Yeroon gaarummaa nu golgeessa, guyyoonni ayyaanaa, araaraa fi eebbaa nutti bu’aniiru, deebii kadhannaa fi hojii irraa ari’amuu

Ji’a dhiifama cubbuu fi ibidda jahannam irraa bilisa ba’uu.

Tarkaanfii dogoggoraa, hojii gaarii baay'isuu, Ramadaannis dhufeera

Waaqni olta’aan akkana jedhe: Ji’a Ramadaanaa - kan keessaa Qur’aana, qajeelfama ummataaf ta’ee fi ragaalee ifa ta’an qajeelfama ta’uu isaa keessatti mul’ateera.

Ulaagaa fi” [Al-Baqarah: 185].

Innis akkana jedhe: Yaa warra amantan soomni akkuma warra isin duraa irratti murtaa’e isin irratti murtaa’eera

Haa sodaattan [Al-Baqarah: 183].

Ergamaan Rabbii rabbi isa haa eebbisu, nagaa haa kennu, “Yeroo Ramadaanni dhufu; Karri Jannataa ni banamte, karri Jahannam ni cufame, sheyxaannis sansalataan hidhaman” (1).

(1) Al-Bukhaariin (1899) fi Muslim (1079) kan odeesse

www.tgoop.com/Keyralumma
26 faayidaa Ramadaanaatti fayyadamuu

Innis, kadhannaa fi nageenyi Waaqayyoo isa haa ta’u, akkana jedhe: “Salaata guyyaa shanan, Jimaata hanga Jimaataa, Ramadaanaa hanga Ramadaanaa; waan isaan gidduu jiru kaffaara, yoo namni cubbuu gurguddaa irraa fagaate) (1). Akkasumas hadiisa keessatti: “Namni Ramadaana iimaana irraa kan ka’ee fi abdii mindaa barbaaduun soomu, dilii isaa duraanii ni araarama, namni iimaana irraa kan ka’e fi mindaa barbaaduu irraa kan ka’e Leylat Al-Qadr keessa dhaabbate, dilii isaa duraanii ni araarama.”

Cubbuu isaa” (2).

Odeeffama biraa keessatti: “Namni Ramadaana iimaanaan kabajuu fi mindaa barbaadu, badii isaa duraa ni araarama” (3).

[(Amantii) hiikni: dhugaa fi ajajamuu ta’uu isaa amanuu, akkasumas Waaqayyo inni hundumaa danda’u isa ta’uu isaa amanuu

Kan soomaa fi salaata isaa seera baasee hawwe. Abdii irraa kan ka’es) jechuunis: Waaqayyo isa hundumaa danda’u irraa mindaa kadhachuuf, kanaaf kadhannaadhaan sooma, kadhata

(1) Muslimtu gabaase (233).




(2) Al-Bukhaariin (2014) fi Muslim (760) kan gabaase.

(3) Al-Bukhaarii (37) fi Muslim (760) irraa odeesse.

www.tgoop.com/Keyralumma
26 faayidaa Ramadaanaatti fayyadamuu

Soomni ibaadaa guddaa fi kabajamaa keessaa isa tokko yoo ta’u, mindaan isaa dachaa lama ta’ee mindaan isaas guddifama.

Waaqayyo ofii isaatiif olta’aa, akkuma hadiisa: “Waaqayyo akkana jedhe: Hojiin ilma Addaam hundi isaaf ta’a, sooma malee, anaaf waan ta’eef, ani mindaa isaaf nan kaffala... Nama harka isaa keessa jiruun lubbuu Muhaammad; Sababni isaas urgooftuu afaan nama soomanaa urgooftuu miskii caalaa fuula Waaqayyoo duratti gaarii waan ta'eef.

Soomni gammachuu lama qaba: yommuu sooma isaa cabsu sooma isaa cabsuutti gammada, yoo Rabbii isaa waliin wal argee sooma isaatti gammada.

Akkasumas odeessa Muslimiin tokko keessatti: “Hojiin ilma Addaam hundi ni baay’ata, hojiin gaariin dachaa kudhan, hanga dachaa torbaatamaatti ni baay’ata, Rabbiin olta’aan akkana jedhe: Sooma malee, anaaf waan ta’eef, ani mindaas nan kaffala it. Fedhii isaa dhiisee nyaanni isaas anaaf” (1).

(1) Al-Bukhaariin (1904) fi Muslim (1151) kan gabaase.

www.tgoop.com/Keyralumma
ZAKAATUL FIXR

Bismillah! Ramadaanni yommuu xumura irra gahuu dhimma barbaachisaa keessaa tokko zakaatul Fixriidha. Barruu tana keessatti haala gabaabaan waa’ee zakaatul fixr ni ilaalla.

Jalqaba Zakaa jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaatti, zakaa jechuun barakaa (daballii, baay’inna), dagaaginsa, qulqullinna, fooyya’iinsa.
Akka shari’aatti zakaa jechuun qabeenya adda baafame irraa, yeroo murtaa’aa keessatti bakka murtaa’etti qooda kennamuudha.

Qoodni qabeenya irraa baafamu kuni zakaa jedhamee kan waamameef qabeenya irraa baafamee kana ni dabala, badii irraa eega. Ammas, nafsee nama zakaa kennuu qulqulleessa.[1] Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:


“ Sadaqaa ittiin isaan qulqulleessituu fi isaaniif dabaltuun qabeenya isaanii irraa fuudhi.” Suuratu At-Tawbah 9:103

Kanaafu zakaan doy’ummaa, xurii badii fi kkf irraa nama qulqulleessa. Akkasumas, qabeenya ni dabala, barakaa itti godha.

Zakaan nama ulaagaalee zakaa itti kennan guute hunda irratti dirqama (waajiba). Arkaana Islaamaa keessaa arkaana sadaffaadha. Namni “Zakaan dirqamaa miti” jedhee morme akka kafaru beektonni irratti wali galanii jiru. Namni dirqama zakaatti amanuu waliin zakaa kennu dide immoo nama ma’asiyaa (badii) guddaa hojjate ta’a.

Qabeenya irraa zakaa baasun dirqama kan ta’uu ulaagaaleen armaan gadii yoo guuttamaniidha:
1-Qabeenyi gosa zakaan dirqama itti ta’e keessaa ta’uu. Kunis gosa afuri: Gosti 1ffaan: midhaanii fi sanyii lafa keessaa ol bahu. Kan akka qamadii, garbuu, ruuza fi temira. Gosti lamaffaan: beelladota manaa. Isaan kuni horii, re’ee, hoolaa, gaala. Gosti sadaffaan: warqii fi meeta. (Yoo nisaaba geesse maallaqa waraqaa irrattis zakaan dirqama.) Gosti afraffaan: meeshaalee daldalaa
www.tgoop.com/Keyralumma
2024/04/27 15:19:28
Back to Top
HTML Embed Code:


Fatal error: Uncaught Error: Call to undefined function pop() in /var/www/tgoop/chat.php:243 Stack trace: #0 /var/www/tgoop/route.php(43): include_once() #1 {main} thrown in /var/www/tgoop/chat.php on line 243