Telegram Web
Jecha namootaa jala deemtee mataan si dhukkubaa oolaa jirta taanaan,hidhamaa namoota sanaa tahuu kee hubadhu,akka ufiitti malee,akka ollaatti hin bulanii itti dhiisii,jiruu tee cunqurfataa ooli.


Share
👇👇

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
Ilaalchi ofiif qabnu gadi aanaa taanaan,waa hundatu nama harkaa diigamaa beeki

Of tuffachuu eegallaan sagal kuftee argi

mallattoon of dhabuu inni jalqabaa erkattummaa jalaa bahuu dadhabuudhaa hubadhu👌


Share
👇👇

@Attaqwa3
🔥Sobni dhugaaf godaannisa ta'a malee injifachuu hin danda'u
Waa hunda beekaniif hin dubbatan,waan dubbatan beekutu barbaachisaa xiinxalli

Silaayyuu,namni waan hunda beeku hin jiruu xiin-sammuun herrega godhi.


Share
👇

@Attaqwa3
Jecha Hayyoota islaamaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🌿• Qabeenyi kan kee si waliin hin deemu gara aakiraa, garuu dursiitee of afoo ergachuu dandeessa akka achitti si eegu, sadaqaan.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🌿•Waa abaaruu dhiisaa, osoo waa abaartanii sa'aa ijaabaa gaxxamtanii, booda umrii guutuu sheenoftan.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

• Waa sadi waan akkaan jabaafi qaaliiti.

- osoo hiyyummaa qabu nama sadaqatu.


- bakka namni tokkolleen isa hin agaretti kan rabbi sodaatu.

- osoo mootummaa afoo dhaabbatellee kan dhugaa malee hin dubbanne.

Share👇👇👇
@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
➡️Namatti of hin madaalin,namas ofitti hin madaalin,sababni addunyaa kanarraa nama biraa ta'uu hin dandeessu.namni biraa si ta'us hin jiru



Share👇👇
@Attaqwa3
Gaafa tokko namtichi tokko rasuula rabbii S.A.W bira dhufee,ani jihaada godhuu barbaada garuu humna hin qabuu isaaniin jedhe.

rasuullis S.A.W haadhaaf abbaa kee keessaa tokko lubbuun jiranii jedhanii gaafatan.innis haati tiyya ni jirti jedhe

Ergasi rasuulli rabbii S.A .W akkas jedhaniin,isii kunuunsuudhaan allaaha qunnami.

kana yoo goote hajjii,umraa,jihaada akka gootetti siif laakka'ama jedhaniin


🌿 Rabbiin worra maatii keenyatti tola ooluudhaan sadarkaa guddoo isa biraa argatu nuhaa taasisu🤲


Share 👇👇👇

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
Waa Afur obbolummaa ykn jaalala jabeessiti Jedha dhaamsi tokko👇👇

🌿1ffaan seequudha!

🫵Hiriyaa kankeetiin yeroo wol qunnamtu seeqii salaamtaa jedhiin,jechoota gaggaariin dubbisi.jechoonni gaggaariin onnee isaa ykn ishee keessatti tola fida,obboleessi keetiif hiriyaan kee akka gammachuun siqunnamuuf dursa ati seeqi

kana irratti rasuul s.a.w akkas jedhan,obboleessa kee fuula ifaan yoo qunnamte ajrii qabdaa jedhan

🌿2ffaan Dogongorri akka jiru beeki!

⭐️Namuu ni dogongora,dogongora sirraa ykn namarraa argameef furmaata kennuu danda'uu qabda.

⭐️Namni hanqina ykn dogongora hin qabne hin jiruutii hanqinuma garteef jettee naman gatin

Kana irrattis fudeyli bin ajaad akkana jedhe👇

🌾Man xalaba akhan bilaa eyb,baqiya bilaa akha: namni nama hanqina hin qabne barbaadu nama malee hafaa Akka jechuuti👌

Itti fuufa...

Share👇

@Attaqwa3
ERGAA DIINAL ISLAAM!!
Waa Afur obbolummaa ykn jaalala jabeessiti Jedha dhaamsi tokko👇👇 🌿1ffaan seequudha! 🫵Hiriyaa kankeetiin yeroo wol qunnamtu seeqii salaamtaa jedhiin,jechoota gaggaariin dubbisi.jechoonni gaggaariin onnee isaa ykn ishee keessatti tola fida,obboleessi keetiif…
Kan Itti fuufe...

🌿3ffaan Gargaari!

➡️Jireenyi hadhaa qaba, nama yeroo ati laafte sijabeessu,dirqama nama bu'aa bahii heddu wojjiin dabarsitu qabaachuu qabda

➡️Akka namni sigargaaruuf ammo ati dura nama gargaaruu jaaladhu

Kana irratti rasuul s.a.w akki jedhan:

🌾Nama hajaa obboleessa isaatiif deemee xumure,rabbiin guyyaa qiyaamaa yeroo faanti namaa mucucaatutti faana isaa sabachiisa

🌿4ffaan Nama dhugaa tahi!

⭐️Baaxila irratti osoon taane,haqa irratti obboleessa kee woliin dhaabbadhu.

⭐️Obbolummaan gaafa salphinarraa wol oolchine jabaatti.kijibarraa fagaadhu

🌾Worra irraa fayyadamu rabbi nuhaa taasisu.Amiin allaahumma amiin🤲

Share🫵🫵🫵

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
#FIDAAKA...
Kutaa 1ffaa..

Yaa Muhammad
Yaa habiibii
Nageenya itti buusi
Woma hunda dhaabi
Tolchi isaaniif cinqami
Qalbiidhaan gad qabii
Maalummaa isaaniis
Barsiisi lallabii
Ergamaa kankeeti
Isaan bar saahibii
Kan guyyaa qiyaama
Nuuf dhaabbatu wobii
Anaaf haati tiyyas
Fidaaka wo abii
Ani haa arrabsamu
Yaa rasuula rabbii...

Jibril Hussein
Share
👇
@Attaqwa3
@Attaqwa3
#Hojii fi maallaqa

Dhuguma, ofii cimanii yoo hojjetan, kan argatanis gundunfachuun dirree hojii biraatti yoo cee'an milkaa'ina.

🎋Walitti fufinsaan jabaatanii yoo hojjetan, maallaqa furdaa kuufatu; mallaqni sunimmoo👇

Mana akkamii keessa akka jiraattu murteessa

Gosa nyaataa akkami akka soorattu murteessa.

Hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an murteessa.

Milkaa'ina ijoollee keef qooda qaba;

Fayyaa fi umurii keessaallee harka qaba.

Tarii yoo dhukkubsattes, eessati akka yaalamtu fi dawaa akkami akka fudhattu murteessa.

Kanaafuu aadaa hojii cimaa gabbifadhu; Sooromuuf murteessi; Hiyyummaa hadheeffadhuu; Jabaadhuu hojjadhu.


Share
👇

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
ERGAA DIINAL ISLAAM!!
#FIDAAKA... Kutaa 1ffaa.. Yaa Muhammad Yaa habiibii Nageenya itti buusi Woma hunda dhaabi Tolchi isaaniif cinqami Qalbiidhaan gad qabii Maalummaa isaaniis Barsiisi lallabii Ergamaa kankeeti Isaan bar saahibii Kan guyyaa qiyaama Nuuf dhaabbatu wobii…
#fidaaka...
Kutaa 2ffaa...

Ergamaa koo qaalii
Waa hunda naaf ta'e
Kan osoo nun argin
Nu yaadatee boo'e
Ummatii ummatii
Jedhee qalbii moo'e
Jaalala keetiif gaa
San hunda kan ta'e
Diinii siin ga'uudhaaf
Kan hedduu madaa'e
Sodaa tokko malee
Du'aaf Kan qophaa'e...

Jibril Hussein
      Share👇👇

     @Attaqwa3
     @Attaqwa3
      @Attaqwa3
SEENAA SAHAABOTAA
BOQONNAA SADI [3]
KUTAA [9FFAA]

Dhiphinna Masgidaa Bal’isu👇

Ummaanni muslimaa daran daballaan Madiinaa keessatti, waqti salaata shananiitu masgiinni dhiphachuu eegale. Masgiida kana bal’isuuf Rasuullis s.a.w waamicha sahabdotaa godhan. Usmaan yaamicha isaani kana akkuma dhagaheen lafa masjiida dura jirtu kuma digdamaan bituun, akka masjiinni bal’ifamuf gumaache.

Bal’isuu Masjiida Nabiyyiiti Fi Haramaa

Sababa namni bara bulchiinsa Usmaan keessa baadiyya irraa gara magaaalaa Madiinaa fi Makkatti galuu eegaleen namni heddummaate.

Yeroo salaataa dhiphinni masjiidaa uumame. Kana akkuma hubateen masjiida Nabi kan Madiinatti argamuu fi masjiida Haramaa kan Makkatti argamu akka bal’ifamu ajaja kenne haala kanaan masjini lameenu balifame.


insha allaah Itti fuufa....
Share👇👇👇

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
Reset.
Restart.
Refocus.
..................
S U C C E S S ✌️
KANA BEEKTUU LAATA?

#JIBBIINSI...
⭐️walirraa nama fageessuu isaa
⭐️Qofa galeessa nama taasisuu isaa
⭐️Walitti dhufeenya booressuu isaa
⭐️Dogongoraaf karaa banuu isaa
⭐️ Firiin isaas gaabbii ta’uu isaa!!

RAKKINNI👇

⭐️Amala nama jijjiiruu isaa
⭐️Waan hin qabne si barsiisuu isaa
⭐️ Abdii si kutachiisuu isaa
⭐️ Obsa si fixachiisuu isaa
⭐️ Biyyarraa siin baduu isaa!!

OBSI👇

➡️Taajjabbii irra si hambisa
➡️ Hamtuu irraa nama eega
➡️Of-eeggannoo namaaf labsa
➡️ Amala qabeessa nama taasisa
➡️Gara laafummaa nama barsiisa
➡️Sammuu nama ballisa
➡️Madaaluuf nama gargaara
➡️ Olaantummaa nama gonfachiisa!!

🌏KANAAFUU OBSA QABAADHU👌

#JAALALLI..👇

👉Gammachuu namaa laata
👉Waan gaarii nama yaachisa
👉Jireenya hawaasummaa cimsa
👉 Kaayyoo fiixaan baasa
👉 Galma qaqqabsiisa
👉Bilisummaa yaadaa laata


Share🫵🫵🫵

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
#Fidaaka..
Kutaa 3ffaa

Anaan rasuula koo
Nabiyyii koo qaalii
Nuti hoo maal gooneef
Keessatti of laali

Rasuulli koo qaliin
Yemmuu arrabsaman
Garuu maaf calliste
Yeroosaan qeeqaman
Sahaabaan isaanii
Beeki irratti dhuman
Isaan baraaruudhaaf
Hedduu woraanaman
Gariin saanii immoo
Beektaa ni iddaman
Akkas woliin jechaa
Irratti wol yaaman
Osoo lubbuun jirru
Hin tuqamu ergamaan
Akka kanaan eeguuf
Irratti wol dorgoman
Nutimmoo cadhisnaan
Isaan arrabsaman..

Jibril Hussein
Share👇
@Attaqwa3
Mul'ata nama guddaa ta'uutu si keessa jira yoo ta'e, Nama guddaa osoo hin ta'in hin haftu.
#Sadarkaa_Qur'aanaa..
kutaa 1ffaa

Qur'aanni jecha Rabbiiti. Sadarkaan inni jechoota biraa irratti qabus akka sadarkaa Rabbi uumama Isaa irratti qabuuti. Isa qara'uunnis irra caalaa waan arrabni ilma namaa ittiin socho'uuti.

➤ Qur'aana barachuun, barsiisuuniifi qara'uun mindaawwan adda addaa qaba. Isaan keessaa:
Mindaa Isa Barachuu fi Barsiisuu:

➡️ Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan👇

👉 "Irra caalan keessan nama qur'aana baratee fi barsiise" (Bukhaarii)

Mindaa Isa Qara'uu: Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan:- "Namni kitaaba Rabbii irraa qubee takka qara'e, isiidhaan toltuu (hasanaa) takka argata

Toltuun (hasanaan) ammoo fakkaattuu isii kudhaniin baay'ifamti." (Tirmiizii)

Sadarkaa Qur'aana Barachuu, sammuutti qabachuu fi Qaraatii Isaa Tolchuu👇

Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan:

➡️ "Namni heera isaa eegee qur'aana qara'e, maleeykota kabajamoo qulqulloota ta'anii wajjin ta'a


⭐️Rabbiin Worra Qur'aanaan sadarkaan isaa jannata keessatti olfuudhamu nu haa taasisu Amiin allaahumma amiin amiin yaa rabbal aalamiin🤲

⭐️Itti fuufa...
Share🫵🫵🫵

@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
#Sadarkaa_Qur'aanaa
Kutaa 2ffaa

➡️Ammas namni odoo inni itti jabaatu itti rakkachaa qara'e ammoo mindaa lama argata." (Bukhaari fi Muslim)

➡️Nabiyyiin(SAW)akkana jedhan👇

➡️ "Nama (duniyaa irratti) qur'aana qara'uu irratti cimeen (guyyaa qiyaamaa) wanni jedhamu:

qara'i (kara jannataas) ol bahi. akkuma duniyaa irratti suutaan qara'aa turte isa qara'aa sadarkaa jannataatti ol ba'i qubannaan kee bakka keewwata xumuraa ati qaraatuu waan ta'eef. (Tirmiizii)

Imaam Al-Khaxxaabiin akka jedhanitti, 'baay'inni lakkoofsa keewwattoota qur'aanaa baay'ina sadarkaa jannataatin wal qixa akka ta'e "Asara"👌 keessatti dhufeera.

➡️ Kanaaf namni duniyaa irratti qur'aana qara'aa ture hundi akkaataa baay'ina keewwatoota qur'aanaa kan qara'aa turteetiin sadarkaawwan jannataa ol ba'i jedhama.

Kanaaf namni qur'aana guutuu guutuutti qara'e aakhiraatti sadarkaa jannataa isa ol aanaa gubbaa ta'a.

Namni isa irraa kutaa muraasa qara'es, sadarkama hanga qara'ee irra ta'a. Sadarkaan sawaaba isaa iddooma inni duniyaa irratti qara'e sana ta'a.

⭐️Rabbiin Worra Qur'aanaa nuhaa godhu🤲

Insha allah kutaa itti aanu mindaa nama ilmi isaa qur'aana barate jedhu qabadhee isiniif dhiyaadha

Share
  👇
@Attaqwa3
@Attaqwa3
@Attaqwa3
2024/05/17 05:08:33
Back to Top
HTML Embed Code:


Fatal error: Uncaught Error: Call to undefined function pop() in /var/www/tgoop/chat.php:243 Stack trace: #0 /var/www/tgoop/route.php(43): include_once() #1 {main} thrown in /var/www/tgoop/chat.php on line 243