Telegram Web
Abbaa keenya irra haa barannu!

Miidiyaan Sootiriyaa nuuf galatooma!

Bor sa'a 8tti haa hordofnu
Forwarded from MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ (KD-SOOT (Soot 001))
🔔Miidiyaan Sootiriyaa ayyaana Faasikaa bara kanaa Abbaa baay'ee jaalannu

Hayyuu mana kiristaanaa Mal'aaka Salaam Luba Misgaanuu Aagasaa waliin isiniif qopheessee jira

▶️Sagantichi karaa chaanaalii Yuutuubii Sootiriyaa guyyaa boruu 27/08/2016 waaree booda sa'aatii 8:00 irratti kan eegalu waan ta'eef maatii Miidiyaa keenyaa ta'uuf liinkii armaan gadiitin #subscribe gochuun akka hordoftan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra.👇

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
🍃🍃Duuti Aangoo Dhabdee"🍃🍃

"Kiristoos du'aa ka'ee, aangoo fi humna guddaadhaan, Seexanni hidhamee, Addaam bilisoomee,  Nageenyiifi gammachuun, Ta'eera"

👏BAGA IFA  DU'AA KA'UU    GOOFTAA KEENYAA IYYASUUS KIRISTOOSIN ISIN GA'E!

Raajichi Isaayyaas akkuma dubbatetti Iyyasuus ilma nama fayyisuuf, du'a bara baraan Addaamiifi ijoollee isaarratti moo'e barbaadeessuuf jecha foon keenyaa uffatee akkamiin akka nuu fayyisee yoo dubbatu "Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame;....nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e. (Raaj Isaa. 53:4-5) Jedhe akkuma dubbatee kiristoos waa'ee cubbuu keenyaa hundumaaf jecha hin dhipatee, hin reebame , hin fannifamee, akkasumas gidiraa gudda nuuf fudhatee hin du'e.

🙏"Duuti kiristoos garuu akkam nama dhiba"! jechuun kan ajaa'ibsifatan heddudha. Dhugummatu Waaqa ta'e osoo jiru iccitii hin qoratamne,  aangoosaatin harka uumama isaati du'uunsaa maaf nama hin dhiburee? Innis kan du'e hojii fayyinaa ilma namaaf male, akkumaa keenyaa dadhabaa waan ta'eef miti. Aangoos isaatiinis akka du'aa ka'uu dubbateera.

🙏Ilmi nama waggoota hedduuf garbummaa seexanaa jala kan ture "Ilmi waaqayyo ogummaa seexanaa diguuf  hin mul'ate" jedhe qulqulluun Yohaannis akkumma dubbate hojii hamaa seexanaa sana balleessuuf, Addaamiifi ijoollee isaa  bilisa baasuuf Gooftaan garaa lafaa keessa buluuf ofi murteessun isaa akkam nama haa ajaa'ibu!

🙏Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos akkuma "Ani waaqa jiraatootatti malee waaqa warreen du'anii miti!" jedhe, ilmaan isaa jalqabaa cubbuun kan kufaan wajjoo du'a jala baasuuf du'a humna dhowwate. Dabalees kan "anatti amanu hin du'u" jedhee aangoo du'a qaaneesse. Duuti kaleessa waggaa 5500 ilma nama boojite har'a garuu abdii waan kutte fakkaati. Qulqulloota fi cubbamoota osoo addaan hin qoodiin hundumma kan injifatte,  har'a garuu boquun du'a laafeera. Qulqullichi Phaawuloos akkas jedhe "Yaa du'a egaa aangoon kee amma eessa jira? Yaa awwalcha olaantummaan injifannoon kee eessa?" (1ffaaQorx 15:56) jedhe duuti akka aangoo dhabde  dubbateera.

🙏Ega "Ati yaa isa raftuu, dammaqi! warra du'aan keessaa ka'i," (Efes5: 14) Du'a Gooftaan aangoo dhowwatee aangoo of irratti hin taasisin. Yaa nama dammaqi, of irrattis beeki cubbuu kee batte hin jiraatin, gatiin cubbuu du'aadhati. Waaqayyo waa'ee cubbuu keenyaaf gara addunyaa kana dhufee, du'a isaatiin du'a keenya kan cabsee, har'as arjummaa isaan tokko tokko keenyaa dawwate du'a jala nuu haa oolchuu! Ameen!
 
👉AYYAANA GAARII👈

https://www.tgoop.com/Araaraat
+Dubartoota-Qulqulloota+

➭Akka barumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti guyyootni torbanii guyyaa du'aa ka'umsa Gooftaatti aananii jiran hiikaa fi barumsa mataa isaanii qabu.

➭Haaluma kanaan guyyaan Sanbata Xiqqaa Guyyaa Dubartoota Qulqullootaa jedhamee kabajama.Guyyaa kana sababeeffachuun hubannoowwan muraasa waliif kennuuf qabxiilee armaan gadii haa ilaallu.

1. Guyyaa kana Dubartootni yommuu Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraa fudhatu boo'aa turan (Luq. 23:27); yeroo inni du'aa ka'u immoo urgooftuu qabatanii gara awwaalaa deemantu (Maar. 16:1-10) yaadatama. Maariyam ishee Maqdallaa, Haadha Yaa'iqoob fi Yoosaa kan taate Maariyam fi Saloomeen ganama obboroon gara awwaalcha gooftaa deemuun du'aa ka'uu isaa arganii Missiraachoo du'aa ka'uu isaa labsaniiru.

2. Haati keenya Hewaan balleessaa balleessiteen yookiin gorsa diinaa fudhattee Addaamitti himteen du'a kan nu dhaalchifte dubartootni komatamaa akka hin jiraanneef Missiraachoo du'aa ka'umsaa akka himan taasifame. ( Maar 16:10). Durumaa karaa haadha keenya Durboo Maariyamiin, Hewaan hiikaa maqaa ishee- haadha jiraattotaatti- kan deebite, qoricha dahuun balleessaa Hewaan jalaa nu baaftee hidhaa jalaa kan hiikkanne, kakuu haaratti dubartootni kabaja argataniiru.

3. Manni Kiristaanaa keenya dubbii namummaa (theological anthropology ) jettee eenyummaa namaa yommuu barsiiftu dhiira fi durbi walqixa akka ta'an darbees si'a tokko akka uumaman fi sirnootni mana kiristaanaa keenya dhiiras dubartiis qixatti ilaalti. Warrootni manni kiristaanaa walqixxummaa dubartootaa hin kabajju jedhan tokko tokko ni jiru. Garuu barsiifni mana kiristaanaa Dubartii akka mana kiristaanatti dhiira akka Kiristoositti ilaalun 'Akkuma Kiristoos mana kiristaanaa jaalatetti haadha manaa keessan jaaladhaa' (Eef. 5:25-26) jedha. Akkaataa Kiristoos mana kiristaanaa itti jaalateen jaalatamuu kan caalu maaltu jira? Hanga du'aatti akka jaalataman gochuu caala walqixxummaa maaltu jira?

4. Dubartootni ergama duuka bu'ummaa bahachuuf qabsuuraniiru. Duuka bu'oota gargaaruun wangeelli akka babal'atu taasisaniiru. Duuka bu'oota abbootaa oomishuu irrattis gahee olaanaa bahataniiru. Fakkeenyaf Ximootewoos kan barate akkoo isaa irraati. Akkasumas bara beektotaa keessa beektota ciccimoo qulqulloota ta'an baasuu irratti dubartootni shoora olaanaa taphataniiru. Fakkeenyaf Abboota Qaaphaadooqiyaa (Q. Gorgooriyoos isa Nuusis, Q.Gorgooriyoos isa Inzinaazuu fi Q. Baasliyoos) ilaaluun ni danda'ama.

5. Dubartootni qajeelummaan jiraatan qulqulloota dahuuun addunyaan kun qulqulloota malee akka hin hafne godhaniiru. Phaaphasotni, moototni qulqullootni, qajeeltotni, wareegamtootni fi qulqullootni biroo kan dhalatan dubartoota irraayi!

6. Dubartootni akkuma dhiirotaa qabsuura afuuraa gaggeessuuf kawaalatti galaniiru. Lola jinnootaa, ulfaatina halkanii, qorra, aduu, rooba obsanii umrii isaanii guutuu qabsuuraniiru.

Walumaagalatti dubartootni utubaa kiristaanumaa fi jireenya dhala namaati.

Kadhannaa fi araarsummaan haadha keenya Durboo Maariyam fi kan dubartoota qulqullaa'oo biroo nu wajjin haa ta'u! Ameeen!

Karaa linkiiwwan gadiin seenuun Miidiyaa yeroo dhiyoo tamsaasa jalqabe kana Subscribe, Join, follow godhaa!👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
➭Telegram Channel►https://www.tgoop.com/Soteriamedia
➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Forwarded from Gaaffii Keessaniif Deebii (Guutii(G.G))
👏 #Baga_Guyyaa_Du'aa_ka'uumsa lammaffaa Gooftaa keenyan Nagaan Geessan.

"Kiristoos Du'aa Ka'ee, Humnaa fi Aangoo Guddaadhaan, Seexanni hidhamee Addaam bilisoome,  Kana booda, Nagaaf jaalalli Ta'ee""

⁉️Manni kiristaanaa keenyaa Maalif du'aa ka'uumsa lammaffaa jette barsiifti?

Gooftaan keenyaa fayyisaan keenyaa Iyyasuus kiristoos erga  du'aa kahe booda bakka  bartoonni isaa walitti qabamani jiranitti gidduu isaanitti argamee ture. Fayyisaan keenyaa kiristoosis  bu'uura abdii jireenya bara bara kan nuuf ta'e du'aa ka'uumsa qulqulluu kan nuu agarsise, dukaa bu'oonni walitti qabamanii, kadhannan cimaanii abdii isaaniif kenname eegacha waa'ee du'aa ka'uu  Gooftaa osoo ajaa'ibsifatanii " Nagaan isinif haa tahu " jedhen. Gaafa kana Qulqulluun Toomas isaan giddu hin jiru ture. Gaafa inni dhufu dukaa bu'oonni waa'ee du'aa kahuu Gooftaa keenyaa yeroo itti himan amane fudhachu hin dandeenye.

Gooftaan keenyaa aangoo isaati awwala digee erga ka'ee guyyaa saddeeffaan boodas yeroo lammaffaaf bartoota isaati mul'ate. Kanuma irraa ka'uun du'aa ka'uumsa lammaffaa jedhame mana amantaa keenyaa keessaatti akka kabajamu fi yaadatamu kan taasiifame.

Guyyaa kana Qulqulluun Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'aanii, Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe. Yeroo kan ammas Qulqulluun Toomaas qaaman arguusi hanga cinaacha isaa waraname fi harka isaa rukkutame argutti amanu hin dandeenye. Iyyasuus kiristoos garuu Toomaasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!" jedhe. (Yoh 20:25-27) Egaa waaqayyo guyyaa sana  Laphee Toomaasin bane akka amanu kan taasisee ofii isaati waaqa nagaa wan ta'eef.

⁉️Qulqulluu Toomas maalif du'aa ka'uu gooftaa amanu dide?

Toomas dhalootan warra Aser yoo ta'u du'aa ka'uumsi hin jiru jechuun kan amananii gosa warra Saaduqoota akka ta'ee hin himama. (Maat 22:23) sababuma kanaaf du'aa ka'uumsa Gooftaa shakkee kan ture . "Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" gaafa ittin jedhamu Toomaas immoo, "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?" jedhee gaafate ture.(Yoh 14:4-5) Durse kiristoos kan barsiise hubachuu dhabuudhaan kan raajonni kan dubbatan dagachuudhaan addunyaan osoo hin uumamin Abbaafi Afuura Qulqulluu wajjin kan ture; aangoon,waaqumman ajaju isaan wajjin tokko kan ta'e waa'ee gidiraafi dhiphuu ilma namaaf jecha gara addunyaa kana kan dhufee foonis kan mul'ate addunyaas qulqulluu fooniifi dhiigasaan kan fayyise,Kiristoosin amanuun Toomasitti kan cime har'a garuu ilaalu fi qaqabuun shakkii irra bararameera!

Rakkoon qulqulluu Toomas mudate har'as namoota addunyaa kana heddu burjajeessa jira. Amma dhuguma waaqayyo rakkoo fi dhiphina kana jala nu baasa? jecha kan shakkan baay'eedha. Kun garuu kan hubateef tooftaa seexanaa ta'uu isaa salphati adda baasuun hin cimu. Seexana'el jalqaba soban shakkiin ergamoota keessati uume akka akkasumas warreen shakkan maal akka ta'an namni wallalee hin jiru. Shakkiin nageenyaa nu dhowwata. Nagaa kan argannu garuu waaqayyoti amanuu male waaqa irra fagaatanii miti.

Toomas rakkoo shakkii kana jala kan bahe waaqayyoti siiqe ilaale, qaqabee amanee male waan shakkeef waaqayyon hin ganne. Dhugaa jiru adda baafate waaqumma isa erga amanee boodas" waaqa koo Gooftaa koo"jedhe dhuga bahe. Kanaaf yaa obboloota warri shakkii keessa jirtan shakkii keessa baha waaqayyos amana gara isaatis deebi'a waa'ee isaas dhugaa baha gatii keessan samiirra argatuti.

 
   " Waaqayyo inni nagaa kennus hunduma keessan bira haa jiraatu! "(Room 15:33)

🙏 Waaqayyoof Galanni haa ta'u!

https://www.tgoop.com/Araaraat
#Dilbanni_kees_dhufaa_jira.

1. Pheexiroos duuka bu'aan gooftaaf dhiyoo ta'e walitti aansuun yeroo sadiif ganee jira.

Amma halli yaraan hin jirreetti hiriyoonni kee fira gaariidha. Yeroo rakkootti garuu warra dhugaa ta'an adda baaste akka beektu godha. Yeroo rakkootti si bira yoo hin jiranne hiriyoota kee miti jechuudhaa.

2. Yerooo tokkotti namoonni raajjii Kiristoositti fayyadamanii turan Kiristoosiin irra, yakkamaa Barbaaniin filatan.

Jireenya isaanitiin namoonni dandeetti yeroo gabaabaaf yaadachu qofa qabu. Namoonni baayeen wanta gaarii ati gooteef hin yaadatan. Ta'us garuu gaarummaa sana dhabuu hinqaba ture.

3. Loltoonni sun kan arrabsan, kan itti tufaan, kan itti qoosan eenyuu akka ta'e hin beekan turan.

Namoota hundumaa kabajii, keessattu eenyu akka ta'an warra hin beekne. Namoonni tokkko tokko gara jireenya keenyatti kan dhufaan furtuu eebbifamaan, balbala jireenya keenya eebbifama banuuf ture.

4. Jimaataa awwaalanii turan, dilbata immoo du'aa ka'umsa isaatii.

Guyyoonni gaariin keenya guyyoota yaraa keenya irraa baay'ee akka hin fagaanne osoo beekne xiqqoo jabaannee eegna turre. Obsi! Dilbanni keesse dhufaa jiraa!

5. Kiristoos kan fannifamee hattoota lamaa wajjiin ture; yoo ilaaltu hattoota sadii fakkaatu ture.

Hin Murteessin! warra shakkaman gidduu warri dhugaa miidhaman jiru waan ta'eef. Dubbartoonni osoo hin heerumiin ulfa'aan hunduu sagaagaltoota miti. Kan fannifame hunduumtis yakkamoota miti.

https://www.tgoop.com/Araaraat
#Gadhiifameera

Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Dhaggeeffadhaa!Hubadhaa!

Walaloo afuurawaa mata duree "Eenyutu Hubatee?" jedhu B/saa Misgaanuu Yaadasaa (Dn) tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti!

Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

https://youtu.be/bGQdJZwX-aU
Maatii Taatanii Jirtuu

➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif!

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://www.tgoop.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
#Namni_Waan_Isinitti_Dhaadateef_miti_kan_Isiniif_dhumatu!

          "Barumsa Goondaa Irraa"

Goondaan tokko ulfaatina ishee irra dachaa kudhaan kan caaluu baattee gara fulduraatti deemti turte. Kara adeeman tokko osoo achiin darbaa jiru argee, luka isaas kaase amma xiqqoon tokko hafutti irra hojjete walitti macaleessuuf jedha "Goondaan kun takka osoon cammaa koon irra hojjedhe ni dhumataafim, deemsi ishee, hojiin ishee fi lubbuun ishee harka koo jala jira" jedhee osoo ofitti haasa'uu hiriyaan isaa achiin darbuu dhufe argee "Qofaa kee akka maraatuu kan haasoftu maal taate? Gadi jettes kan ilaaltu hoo maaliidha?" Jedhe. Kara deemichis wanta Goondaa irratti gochuuf jiru itti hima.

Kara deemichis gara hiriyaa isaatti gara galuun ofitti kan odeessaa ture, jireenyi goondaa murtoo isaa jala akka jirtu irra deebi'aaf. Hiriyaan isaas " Sitti fakkaateti malee lubbuun goondaa harkaa uuma isheeti malee harka kee miti" ittin jedha. Dhimma kana irratti xiqqoo erga wal falmanii " kara deemichi egaa sin agarsiisa" jedhe irra hojjechuuf yoo ilaalu, isheen yeroo isaan wal falmaa turan osoo hin dhaabbatiin, bitaafi mirga osoo hin jedhin callistee karaa ishee irratti xiyyeeffatte goondaan deema turte fagoo geesse dhokatteetti.


#Ergaan_guddaa_Goondaa_kanaa...

Namni Waan isinitti dhaadateef miti kan isin dhumatu, isin sababa sanaaf gaafa dhaabbattan qofa kan siif dhumatu. Namni sin balleessa jedheef miti kan ati badduu, namni kun na balleessuuf jettanii gaafa sodaattaniifi gaafa dhiphattan baddu malee. Namni waan si dhumate jedheef miti kan siif dhumatu, gaafa ati naaf raawwatee jettudha kan siif dhumatu.


Maalis ta'e maal callisi karaa kee itti fufi waan fedhaan yoo jedhaniis ofii kee irratti xiyyeeffadhu!

Guutamaa Goobanaa
Finfinnee


https://www.tgoop.com/Araaraat
#Yaa_namaa!

Akka bifaafi fakkeenya Waaqayyotti akka uumamte yaadadhu. Kanaaf yeroo waa'ee kee gaafatamtu hunda amantii guutuudhaan "Ani fakkeenya Waaqayyodha" jechuun dubbadhu.

Ati kan lafa irraafi keessa jiran irra beekumsaafi yaaduun kan kennameef uumama Uumaati. Kanatti dabalees Waaqayyon beekuu, waaqeessu fi gammachiisu hunda beekumsa hubachuu uumama qabudha.

Mee gaara dheeraa, galaana guddaa, aduu iftu fi ji'a calaqqistu caalaa akka gudda taate yaadi! Ati lafa onaa bal’aa fi dirree babal’ate caalaa, atoomii humna lafa irra jiru hunda balleessu caalaas guddaadha. Akkuma Macaafni Qulqulluun nutti himu kun hundinuu ni darbu. "Samii fi lafti ni darbu" (Maatewos 20:35). Ati garuu fakkii Waaqayyoo hin darbitu. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbii isaa isa bara baraatiin jireenya bara baraa akka qabaattu waadaa siif galeera. (Yohaannis 4:4)

Yaa Nama! Amma, gatii lubbuu keetii fi guddummaa isheen Waaqayyo duratti argatte ilaali? Waaqayyo hafuurota hamaa hundumaa irratti aangoo siif kennus, seexanni akka fedhetti ulfinaa fi guddummaa keetti akka qoosu ni hayyamtaa?

(
Kitaaba Bilisummaa Lubbuu Abune Shinoodaa irraa)

Yaa obbolootakoo! Jireenyi addunyaa kanaa akka abjuudha. Argitee kaate dhabda. Kanaafi Waaqayyos laftiifi samiin ni dabarti kan jedhe.

Qulq. Yohaannis Afaan Warqees akkas jedha:-
"Jireenya addunyaa kana keessatti wanti ta'u hundi abjuudha. Abjuu keetiin dureeyyii ta'uun bu'aa maalii qaba? Namni abjuudhaan laphee hirribaa keessa ta'ee yoo dubbatu dubbii isaatiin itti hin murtoofamu. Garuu hirriba kana keessatti wanti jennu jireenya bara baraa nu dhowwuu danda'a." Kanaaf yaa namaa jireenya addunyaa kanaa abjuu taateef jettee kabajaa fi ulfina siif qophaa'e gaafa dhabdu maaltu sitti dhagaha'ama?

Waaqayyo bifa keenya isa ganama isa ittin uumamne qabanne akka jiraannuuf nu haa gargaaruu.

Guutamaa(G. G)

https://www.tgoop.com/Araaraat
Forwarded from MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ (Soteria Media 002 (MB-Soot))
#Faarfannaa-Taklahaayimaanot

Faaruun Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan qophaa'e kan abbaa keenya qulqulluu #Taklahaayimaanot akkuma beellama keenyatti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera.

Liinkii armaan gadiin seenaa ittiin galateeffadhaa!

Miidiyicha jajjabeessuuf #subscribe @share fi like godhuu hin dagatinaa

Yaada fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsa bilbilaa 0982085508n nuuf bilbilaa

Liinkin kunoo


https://youtu.be/VgTi0Kn9wOo
🤔🤔Dursa haa xiyyeeffannu! 🤔🤔

🐶Guyyaa tokko sareen karaa osoo deema jirtu bishaan dheeboti. Baay'ee dheebochu irraa kan ka'e arraba ishee ala baaste deemti turte. Osoo deemtu hallayyaa tokko bira geessi. Itti siiqxee yoo ilaaltu bishaan achi keessa burqu waan tureef keessatti lafaan of dhooftee. Bishaan ishee sirriitti dhugdee dheebuu erga baatee booda keessa bahuuf karaa yoo ilaalattu, karaan keessa bahamu hin qabu.

🐐Osoo achii keessa teessu re'een akkuma ishee bishaan hedduu dheebotte tokko dhufte. Isheenis hallayyaa sana argite keessa buute dhugu sodaatte. Haa ta'u garuu saree itti cimsitee waan lallabdeef re'eenis keessatti lafaan of dhoofte. Bishaan ishee dhugdee erga quufteen booda karaa bahaa yoo ilaaltu hinqabu dhiphachuutti kaate. Dhiphuu ishee kan ilaalte sareen fala tokkon qaba jette. Fallii kunis lamaan keenya as keessa kan baasuudha ittin jetti. Re'eenis irratti walii galti. Yaadichi akkas ture ati harka kee lamaan ol kaastee tabbatti hojjettee dhaabbatta, ani immoo sirran ol bahee keessa baha achii booda simmoo harkiseen keessa si baasa jechuun waadaa galtiif. Re'eenis akkuma wali galtee isaanitti raawwatte saree boolla keessaa baastee atis na baasi jettin. Sareen garuu akkas jette deebisteef " gaafa seentu dura karaa baatu maaf itti hin yaadne"  jette boolla keessatti dhiistee bira deemte.

🐕Dubbisa kana irraa waan meeqa hubattan  laata?

Wanta tokkoof dhiphaachuun, itti yaaduus ta'ee, xinxaluun dhimma keenya osoo hin eegaliin dura ta'u  qaba ture. Hedduun keenya garuu wanta hojjennu tokko, Gaa'ela illee dabalatee fiignee erga itti seenne booda gaafa gidduutti qorumsi xiqqoo nu qunnammu komiif qeeqatti seenna. Wanti jalqaba karaa sirrii nutti fakkaatu xiqqoo deemne yoo ilaallu dogoggora ta'u danda'a, haa ta'u garuu jalqaba sirriitti xinxaallee yoo eegalle bakka yaade ga'uuf baay'ee nutti hin ulfatu. Qorumsi yoo nu mudate illee keessa bahuuf furmata hinqabna.

Miira keenyaan taanee wanta nuti ariitiin murteessinu umurii keenya guutuu aarsaa nu baasisu danda'a. Wanta ofii keenyaa murteessu dandeenyu akkasumas wanti sun akka nuuf bu'aa hin qabne osoo beeknu hojii nuti hojjennu hedduudha. Namni baay'ee wal harkaa fuudhe soba yoo nutti lallabee dhugaa nutti fakkaachuu danda'a.

Kanaaf amma erga tokkoon siif qaba, wanta siif ta'uuf karaa siif ta'uu gaafa filattu namni akka siif filuuf bakka guddaa hin kenniniif. Dhugaa sammuun kee amanee Lallabni namoota akka si hin jijjireef kaayyoo keef ejjennoo cimaa qabadhu. Wanta hojjechuuf karoorsite namni si gargaarus, garuu akka siif hojjetu irraa hin eegin.

Dogongorri keenya yeroo baay'ee, ofti amanamummaa nuti ejjennoo keenya irratti qabnu laafaadha waan taaneef osoo hin beekiin boolla keessaa bahuu hin dandeenye keessatti kufaa oolla. Boolla hin mallee keessatti akka hin kufneef dursa wanta hojjennuu hundaafuu xiyyeeffannoo haa kenninuun ergaa kooti!

🙏  Lafa Nagaa Turaa!


Guutamaa(G.G)

Join gochuuf
👇👇👇👇👇👇🙏
https://www.tgoop.com/Araaraat
Silaa isin ture
Kan fakkeenya ta'uu
Ergama jalqabaa
Warri galma ga'uu

Silaa isin ture
Kan dubbii qajeelchu
Wanta jajjalate
Dhidhibee bareechu

Silaa isin ture
Kan fageesse yaadu
Miidhama kaanitiif
Warri dursee aadu

Silaa isin ture

Kan furmaata ta'ee
Qormata qolatu
Hoolota bobbosee
Tiskee kan galatuu

Silaa isin turee

Si digamee ijaaree
Sa jiru jabeessuu
Daandii abbootarra
Dhaloota geggeessuu
.
.
.
.
Erga sin hintaane
Kan fakkeenya ta'u
Tolaan nuuf haa dhufuu
Wanti hundumtu haa ga'u

Guutamaa!
https://www.tgoop.com/Araaraat
Irraanfadheera!

Dubartiin godeettiin tokko gara abbaa afuuraa tokko deemtee, "Waaqayyo yeroo hundumaa natti dubbata" isaaniin jette. Abbaan kunis dubbichi isaaniif galuu didnaan aaruudhaan ishee dhiisanii deeman. Guyyaa biraas dubartiin kun deebitee, "Waaqayyo galgala galgala natti dubbata" isaaniin jette.

Abbaan dubbii dubartii kanaa nuffan kunis yammuu isheen akkuma bartetti dhuftee isaanitti dubbattu, "Dhugumatti yoo Waaqayyo guyyaa guyyaan dhufee kan sitti dubbatu yoo ta'e akkan si amanuuf hojii manaa tokko nan siif kenna" jedhan hubachaa ishee ilaalaa! Dubartittiinis kan isheetiin jedhan hunda gochuuf waadaa seente.

Abbaan sunis gaaffii dubartii kana narraa kuta jedhanii yaadan ishee gaafatan. Kunis, "Dhugumatti Waaqayyo kan wajjin dubbatu yoo ta'e mee har'a galgala gaaffii tokko naaf gaafadhu" kan jedhu ture. Dubartittiinis suutuma, "Maal siniif gaafadhu?" jette. Isaanis, " Waggoota dheeraaf dhiisuu kan hin dandeenye, ji'a dura garuu gaabbii galuun kanan dhiise cubbuu tokkotu ture. Cubbuun kun maal akka ture gaafadhuu natti himi. Isa yoo sitti hime dhuguma Waaqayyo si waliin akka dubbatu nan amana jedhan. Dubartittiinis gara manasheetti deebite.

Abbaan akka dubartiin kun lammaffaa hin deebine tilmaamanii haa turan malee isheen garuu deebitee ammas isaan waamsiste! Abbaanis dubartii kana yammuu argan ajaa'ibsifatani,  "Tole mucaa koo! Cubbuu koo isan ergan gaabbii gale dhiise sana Waaqayyoon gaafattee?" jedhan kolfaa! Isheenis, "Eyyeen Abbaa" jette qaana'aa!. "Tole maal siin jedhe?" jedhan abbaanis. Isheenis, "#Irraanfadheera naan jedhe" isaaniin jette.  Abbaan kunis deebii Waaqayyoo isaan hin eegne kanaan lapheen isaanii tuqamee "hiq-hiq" jedhanii bo'aa dubartii sana haammatan!

Maal Hubatte?

Dhalli namaa dhiifama guutuu hin qabu. Har'a gatii ilaalee yoo haa hafu siin jedhe, bor yammuu si lolu balleessaa kee isa dura haa hafu siin jedhe tokko tokkoon lakkaa'uun si ceepha'aa oola.  Waaqayyo garuu takkaa haa hafu siin jennaan irra deebi'ee hin yaadatu- Inni gatii ilaalee kan nama jaallatu miti, akkasumaan nama jaalate malee! Meeqan keenyatu kana beeknee gaabbii gallee dhiphinaa fi ba'aa cubbuun  nutti fide irraa hiikamuu barbaadna laata?

🙏Waaqayyo qalbii gaarii gaabbuuf ariifatu nuuf haa kennu! Ameen!

https://www.tgoop.com/Araaraat
Yeroo Kiristaanotaa
Miidiya Sootiriyaa waliin


Gaa'ela dhaabbattanii moo dhaabbachuuf karoora qabdu?

Mee qophii kana hordofaa irraa baradhaa!

Qophii keenya har'aatin!
Gaa'ela irratti   #Kutaa 1ffaa


#Gaa'elli maali?
#Yoom hundeeffame
#Fakkeenyi gaa'elaa fi mana kiristaanaa fi gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkamiin ilaalama?

#Eefeson boqonnaa 5 lakkoofsa 22 hanga 32 dhimma #gaa'elaa icciitin ibsame akkamiin hubatama?

#Sirnootni gaa'elaa mana kiristaanaa keenyaa akkamiin ilaalamu

Miidiyicha jajjabeessun kiristaanota wal haa agarsiifnu

#subscribe, #share fi #like akka gootan isin yaadachiifna

https://youtu.be/rUcINM55bcM
#Olba'eera!
#Eenyu?

#INNI:

1. Osoo hin mul'atin gadi bu'ee Mul'atee ol deebi'e:
Maqaan Isaa ajaa'iba, Gorsaa, Humna-qabeesaa, Hoogganaa nagaa kan jedhame ulfinni waamamuu Maqaa Isaaf haata'uuti dhokatee gara biyya lafaatti gadi dhufe. Waaqummaa Isaa dhoksee nama fakkaatee, humna Isaa dhoksee dadhabaa fakkaatee, Hoogganaa ta'uu Isaa dhoksee hooggantoota lafa irraatiin bulee, Abbaa seeraa ta'uu Isaa dhoksee seera isaanii kabajee biyya lafaa irra yeroo daangofteef jiraate.

Yemmuu ol ba'etti garuu Waaqummaa Isaa, Humnaa fi Aangoo Isaa, Hooggansa Isaa ifatti mul'ise. Kanaaf Waaqni keenya yemmuu nuti afuuraan gadi buunu, yemmuu cubbuutti kufnu nuuf dhoksa. Yemmuu nuti hojii gaarii xiqqoo hojjennu immoo ol nu baasa. Osoo akkas miti ta'e har'a eenyutu maqaa kabajaa har'a qabu kanaan waamamaa? Inni mul'inaan ol-ba'e kun isa mul'inatti ol si baasudha.

2. Gara gadii yemmuu turetti arrabsoo hedduu baate, yemmuu ol bahe garuu galataa fi kabaja baate:
Gooftaan keenya umurii nama ta'ee biyya lafaa irra jiraatetti maqaa isaaf hin malle heddutu mogga'eef. Arrabsoo heddu arrabsame; gosti arrabsoowwanii hamma lafa irra dhumanitti hunduu jecha beekuun isa arrabse.

Yemmuu ol ba'etti garuu raayyaan Ergamoota samii dhufanii galataa fi kabajaan, faaruudhaan simatan. Duumessi ulfinaa dhufee Mootii ulfinaa simate. Warri yeroo inni biyya lafaa irra ture Isaan of qixxeesaanii Isa ilaalaa turanis qaana'anii, achii ol Isa ilaalan; ofii isaaniitii garuu garuma gadiitti hafan.
.
Atis har'a gaafa jireenyaa fi milkaa'inaan gadi buutu kan si arrabsu malee kan si faarsu hin jiru. Biyyi lafaa kun warra gadi bu'an gargaartee ol kaasuu caalaa tuullaa arrabsoo irra tuuluu jaallatti. Gaafa ati tirattee ol kaatu garuu gaabbiidhaan achii ol si ilaalti. Ol ka'uun siif dhufaatii abdii hin kutin. Arraba kee hamaa dubbachuu irraa eeggadhu! Gaarummaa jaalladhu! Warra gaddan wajjin onnee keerraa gadii, kan gammadan wajjinis garaa guutuu gammadi. Karaan dhugaa isheen ol nama kaaftu ishee kanadha.

3. Gara gadii yemmuu turetti tuullaa salphinaa baate, yemmuu ol ba'etti garuu ulfina Waaqummaatiin Mirgaa Abbaa taa'e:- Yihuudonni guyyaa jimaataa mee raajii dubbadhu jedhaniin, cubbamtoonnis of fayyisii nuunis fayyisi jedhaniin. Qoosaa itti baay'isan, ni salphisan, kabaji Waaqummaa Isaa haa turuutii hamma Abrahaamillee Isa kabajuu hin dandeenye. Gara gadii kana tuullaa salphinaatu jira.

Maarree haadhoo koo, yemmuu biyya lafaa kana irra jirtu akkamitti kabajan dhabe jettee aartee gadditaa? Isheenoo tasuma kabaja hin beektu salphina malee; osoo si kabajjeeyyuu fakkeessuufi malee hin sobdi isheen. Xiqqoo turtee salphina kee lakkoofti. Daqiiqaa tokkoof si jajjee waggaa tokkoof si jaji'atti. Gara gadii kana irraa kabaja hin eegin. Warri gara gadii waanuma gadii malee kabaja siif hin laatani; Kiristoosiin ilaali.

4. Kiyyoon fannoo biyya lafaa irraa isaaf qopha'e Ol ba'uu irraa isa hin daangessine:
Akka yaada warra Isaan mormaniitti Kiristoos fannifamee du'a; achii booda ni awwalama; awwaala keessttis hafa ture. Kun hunduu hawwii warra Waaqummaa Isaatiin mormanii ta'ee hafe malee Inni awwaala keessattis hin hafne; simboo sodaachisaadhaan du'aa ka'e. Du'aa erga ka'ee boodas warra gadii kana biraa gara samiitti ol bahe.

Garri gadii kun fannoo qabdi, kiyyoon ishees cimaadha. Abjuu du'aa fi salphinaa namaaf abjootti malee afuura nagaa namatti hin baafattu. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraa kiyyoo keessatti si kuffisuuf carraaqxi; kun hunduu Gooftaa keenya Iyyasuus irras ga'eera.

Mee ol ilaali! Samii bareedduu bal'oo argita; qilleensa nagaa harganta; sagalee simbirrootaa kan si gammachiisu dhageessa; abdiidhaan guutamta. Gara olii hamiin hin jiru galata malee; arrabsoon hin jiru faaruu malee; naasuun hin jiru tasgabbii malee; dhukkubni hin jiru fayyummaa malee; gaddi hin jiru gammachuu malee; jibbi hin jiru jaalala malee; yaaddoon hin jiru boqonnaa malee.

Baga Ayyaana Ol-ba'uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e! Ameen!
//
Madda:- Fuula FB Dn Misgaanuu. Y irraa
https://www.tgoop.com/Araaraat
2024/06/13 06:51:06
Back to Top
HTML Embed Code: